(SQ-Onkoloolessa 22/2022)
Waajjirri Dhimma Nageenya Biyya Keessaa Ameerikaa (DHS) lammiilee Itoophiyaa sababii waraanaatiin biyyatti deebi’uu hin dandeenyeef Sadarkaa Eeguumsa Yeroo baatiiwwan 18’f kennuu beeksiise.
Waajjirichi ibsa Onkolooleessaa 21, 2022 baaseen, lammiilee Itoophiyaa baatii Onkolooleessaa 20, 2022 dura Ameerikaa galan qofaatu seeraa kanaaf ulaagaa guuta jedheera.
Ibsichi dabaluunis, yeroo ammaa kanatti waraana Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru hubannoo keessa galchuun waajirrichi hayyama yeroo kana kenne jedheera.
Haaluma kanaanis ‘‘Lammiilee Itoophiyaa ammaan tana Ameerikaa keessa jiraniifi sababii waraanaa fi rakkoo namoomaa, hir’ina nyaataa mudateetiin, sababii balaa lolaa, hongee fi buqqaafamuutiin deebi’uu hin dandeenye Ameerikaa keessa turuun hanga haalli biyyasaanii fooyya’uutti hojjachuu ni danda’u’’ jedheera.
Waajjirichi dabaluunis, ‘‘Itoophiyaa keessatti waraanaa gaggeeffamaa jiru Ameerikaan ni hubatti. Biyya rakkoo cimaa keessatti argamtu waan taateef kanneen dahannoon barbaachisuuf eegumsa ni taasifna’’ jedheera.
Ameerikaan yeroodhaaf akka turamuuf hayyama kan kennitu, yoo biyya tokkotti walitti bu’insa waraanaa, rakkoon umamaa yookiin rakkoon yeroo cimaan mudatutti.
Haaluma kanaanis lammiilee Itoophiyaa Ameerikaa keessatti argaman akka turaniifi hojjatan kan hayyamameef sababii waraanaa fi haala rakkisaa yeroo ammaan tana jiruutiin ta’uu waajjirichi ibsa isaa kanaan eereera.
Haala ibsa kanaattis lammiileen Itoophiyaa yeroodhaaf Ameerikaa dhaqabanii garuu ammoo hayyama jireenyaa hin qabne akka gara biyyaa hin deebinee taasisa.
Lammiilee nagaan sababii wal waraansaatiin ajjeechaa fi qudeedamuu dabalatee miidhaawwan saalaa, butamuu saba bu’urreeffate, dararaafi miidhaawwan sarbama mirga namoomaa biraatiif saaxilamaa jiru jedheera ibsichi.
‘‘Sababiiwan lammiilee Itoophiyaa gara biyyaatti deebi’uuf hin dandeenyeef keessaa tokko hir’ina nyaataa olaanaa, hongee, buqqaafamuu bal’aa fi dhibeewwan adda adda ani eeramu,’’ jedha ibsi Waajjiri Nageenyaa Biyya Keessaa Ameerikaa baase kun.
Lammiilee Itoophiyaa yeroo gabaabaadhaaf biyyattii keessa akka turaniif yoo hayyamtu kun yeroo jalqabaati.
Lammiilee labsii kanaan fayyadame ta’anis kanneen guyyaa ibsa kanaatiin dura Ameeriikaa seenuun hayyama malee jiraataa turan qofaadha. Namoonni Onkolooleessaa 20, 2022 booda gara Ameerikaa seenan yookiin seenuuf yaalan seera kanaan hin ammatama jedheera ibsichi.
Haaluma hayyama kanaatiinis namoonni akka hayyama kanaafi Waraqaa Hayyama Hojii (EAD)’f akka iyyataniif Galmee Federaala beeksiisan kan baasu ta’as jedheera.
Hayyama kana argachuf ammoo iyyattoonni ulaagaalee barbaachisan hunda guutuufi qorannoo seenaa nageenyaa taasisuun barbaachisaa ta’uus eereera.