Aanga’oonni ABO seeraan ala hidhamanii jiran atattamaan gadhiifamuu qabu’ jedhe -Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa

 

 

‘Aanga’oonni ABO seeraan ala hidhamanii jiran atattamaan gadhiifamuu qabu’ jedhe -Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa

(SQ-Caamaaa 19,2022)

Komishinichi ibsa Caamsaa 19, 2022 baaseen, hidhaan osoo shakkamtoota mana murtiitti hin dhiyeessiin akka turan gochuun (prolonged pre-trial detention) namoonni amantaa sirna bulchiinsa haqaa irratti qaban akka badu taasisa jedhe.

Komishinichi haala miseensoota ABO qajeelfamoota poolisii adda addaa keessatti hidhaarratti argaman yeroo dheeraaf hordofaa turuun alatti, ka’umsa iyyannoo paartichaafi miseensoota maatii, namoota hidhamaniitiin dhiyaataniin bakka shakkamtoonni itti hidhamanii argaman garaagaraatti qaamaa argamuun qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin dubbachuu ibsa isaa kanaan kaaseera.

Haaluma kanaanis, Bitooteessa 10-19, 2022tti Waajjiraalee \poolisii Magaalaa Buraayyuu, Galaaniifi Sabbataatti qaamaan argamuun hidhamtoota, itti-gaafatamtoota qajeelcha poolisii, Komishiinii Poolisii Oromiyaafi bakka bu’oota Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa waliin dubbachuun qorachuu ibse.

Komishinichi haaluma qorannoo gaggeessee kanaatiin, hidhamtoonni manni murtii wabiidhaan akka gadhiifaman murteesse, kanneen galmeen himannaasaanii cufamuun murtee seeraan bilisaan gadhiifaman, kanneen himannaan kamuu irratti hin banamiiniifi abbaan alangaa himannaa irratti hin bannee ta’uun mirkanneessuun kan galmeen qorannoosaanii cufame.

Haata’u malee, seeraan ala iddoowwan garaa garaatti dabarfamuun baatii tokkoo hanga waggaa lamaatti kanneen hidhaarratti agraman jiraachuu adda baasuu ibse.

Kana malees, hidhamtoonni muraasni haala qabiinsa sirrii hintaaneefi reebicha adeemsa hidhaa keessatti irratti raawwatameen kanneen miidhama qaamaa adda addaatiifi rakkina fayyaatiif saaxilaman akka jiran hubachuu Komishinichi ifoomseera.

Komishinarri Olaanaan Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani’eel Baqqalaa gama isaanitiin, “qondaaltoonni ABO haala seeraan ala ta’een yeroo dheeraadhaaf hidhamanii kan jiran yoo ta’u, atattamaan hidhaarraa akka gadhiifamaniifi miidhaa irra qaqqabeef beenyaan kanfalamuu akka qabaatu,” gaafatan.

Dr. Daani’eel dabalataanis, ”murteewwan mana murtiifi abbaa alangaa irra deddebiin diigamuun sirreeffamtoota haala seeraan alaatiin hidhaa dheeraaf saaxiluun aangoo seeraan ala fayyadamuu waan ta’eef Mootummaan Naannoo Oromiyaa atattamaan dhimmicha qulqulleessuun tarkaanfii adeemsaa barbaachisu fudhachuu qaba,” jedhan.

Komishinichatti Komishinarri Mirgoota Siyaasa, Dinagdeefi Hawaasaa Dr. Abdii Jibriil gama isaanitiin, ”keessattuu kanneen hidhaman hoggantoota paartii waan ta’aniif, hojii tajaajila hawaasaa isaanitiin akka sarbama mirga namoomaatiif hin saaxilamne eegumsi taasifamuuf osoo qabuu, gochaa faallaan raawwatamunsaa gaddisiisaadha,” jedhan. “Kanaaf, dhimmichi furmaata atattamaa barbaachisa jechuun,” yaadachiisan Dr Abidiin.

Kana malees, yeroo garaa garaatti murteewwan mana murtiifi abbaa alangaatiin hidhamtoota irratti dabarfamaniifi ajajawwan, akkasumas galmeewwan wal’aansaa ilaaluu ibsichi kaaseera.

Miseensa hoggansa ABO kan ta’aniifi qajeelcha poolisii Buraayyuutti hidhaarra kan jiran Obbo Mikaa’eel Booran, Obboo Kennasaa Ayyaanaa, Dr Gadaa Oljirraa, Obbo Daawwiit Abdataa, Obbo Lammii Beenyaa, Obbo Gadaa Gabbiisaa fa’i dubbisuu Komishinichi kaaseera.

Komishinichi ibsa isaa kanaan, qondaalli ABO Koleeneel Gammachuu Ayyaanaa, Jiddu-ugala Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaatti, akkasumas Obbo Abdii Raggaasaa ammoo kaampii poolisii Addaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Galaaniitti argamu keessatti akka hidhamanii jiran maatiifi abbookaatowwan isaanii irraa hubachuu himeera.

Kana malees, qondaalli ABO kan biraa Obbo Battee Urgeessaa kan osoo mana hidhaa jiruu dhibee fayyaa mudateetiin poolisiin hayyamni kennameefii ammaan tana dhaabbata wallaansaa tokko keessatti yaalamaa akka jiran Komishinichi hubachuu kaaseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *