Shawaa Lixaa Aanaa Meettaa Walqixeetti humni Qilleensa Itoophiyaa haleellaa Diiroonii raawwachuun lubbuu namoota nagaa galaafate.

Shawaa Lixaa Aanaa Meettaa Walqixeetti humni Qilleensa Itoophiyaa haleellaa Diiroonii raawwachuun lubbuu namoota nagaa galaafate.

(SQ-Onkoloolessa 20,2022)

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Meettaa Walqixxee bakka Minaaree jedhamutti humni Qilleensaa Mootummaa paartii Bilxiginnaa kaleessa Onkoloolessa 19,2022 uummata nagaa meeshaa maleeyyii irratti haleellaa Diroonii raawwateen obboloota sadii dabalatee namoota nagaa hedduu ajjeessuu maddeen SQtti himan.

Akka maddeen keenya jedhanitti haleellaan kan raawwate qe’ee uummata nagaa irratti ta’uu nuuf himuun maatii tokko keessaa hanga namoota sadii oliitu lubbuu dhabe jedhu, kana malees namoonni hedduun ajjeefamuun reeffi isaanii barbaadamaa jiraachuus odeeffanneerra.

Mootummaan Faashistii Bilxiginnaa akkuma haleellaa qilleensarraa raawwateen naannicha irra guutumaatti network kan balleesse yoo ta’u maqaa namoota ajjeefamaniifi badii qabeenya irra ga’ee sababa network’n hin jirreef adda baafachuu hin dandeenye, akkuma network’n naannichatti deebi’een odeessa jiru kan isiin beeksifnu ta’a.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *