Ummata sagantaa Cidhaa gaggeeffataa jiru irratti Boombii darbatameen Misiirroo dabalatee namootni 37 lubbuun darban

#Odeeffannoo_Gaddisiisaa :

Godina Shaggar kibba lixaa Aanaa Noonnoo Ganda  Qondaalaa jedhamutti  hidhattoonni finxaaleyyii Amaaraa waxabajji  14/6/2024 gocha hammeenyaa ummata Oromoo cidha irratti hirmaachaa turan irratti fudhataniin namoota hedduu ajjeesaniiru.

Humnootiin finxaaleyyii Amaaraa Faannoon Haleellaa kana meeshaa gurguddaa fayyadamuun akka raawwatanis odeessaaleen arganne ni argisiisa.

Humnootiin badii kunneen halkan naannoo sa’atii shanii uummata sagantaa cidhaa irra ture irratti boombii darbataniin battala namoonni lakkoofsaan 37 ol tahan haleellaa kanaan mana keessatti gubatanii lubbuun isaanii darbeera.

Qabeenyi midhaanii, manni jireenyaafi beeyladoonni heedduun barbadaa’aniiru.

Hidhattoonni kunneen magaalaa Daargee jedhamtu irraa garasitti imaluun haleellaa kana raawwachuunis beekameera .

Haleellaa hidhattoota kanaan manneen jireenyaa uummataa 30 ol gubachuu, midhaan, beeyladoonni hedduun ammaaf lakkoofsaan hin beekamne barbadaa’aniiru jedhame.

Uummata sagantaa cidhaa irra ture irratti boombii lama darbachuun, yeroo namoonni baqatan immoo dhukaasa itti banuun lubbuufi qabeenya kana mara mancaasaniiru jedhame

Hidhattoonni kunneen kanaan dura qophii taasisaa turuu kan himan maddeen,  erga taateen kun raawwatee taateen kun miidiyaatti akka hin baaneef caasaan mootummaa yaalii taasisaas jiru jedhan.

Hidhattoonni finxaaleyyii kunneen kanneen leenjifamuun naannicha qubsiifamani jiraachaa turan ta’uus maddeen naannichaa ni dubbatu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *