Miseensi GS-ABO Jaal Amaan Filee Mana Murtii walii galaa Federaatti ol iyyaannoo dhiyyeeffatan.
(SQ-Hagayya 24,2022)
Waggoota lamaa oliif mana hidhaa adda addaa keessatti kan gidirsamaa jiruu fi mana murtii walii galaa Oromiyaa dhaddacha Kibbaatti hidhaan waggoota 10nii kan itti murtaa’e miseensi GS-ABO Jaal Amaan Filee, murtii manni murtii walii galaa Oromiyaa ana irratti murteesse haqummaa kan of keessaa hin qabneen waan ta’eef, murtiin ana irratti murtaa’e narraa ka’ee, bilisaan gadhiisamuun qaba jechuun mana murtii walii galaa Federalaatti guyyaa har’aa Hagayya 24,2022 ol iyyannoo dhiheeffatee jira.
Himatni Jaal Amaan Filee irratti dhihaate bara mootummaa wayyaanee lubbuu namootaa bal’eessitee fi shororkeessummaan yoo ta’u, himatni kunis dhugaa irraa kan fagaate, ragaa haqummaa irratti hundaa’e tokkollee kan of keessaa hin qabne ta’uun hubatameera.
Jaal Amaan bara mootummaa wayyaanee yeroo qabsoo irra tures bakkin hojjedhaa ture bakkan itti kana raawwadhu osoo hin taane, hojii jaarmiyaa dhaabaa irra jechuun himannaan irratti dhihaate fudhatamaa fi dhugummaa of keessaa kan hin qabne ta’uu akka ibsee fi murtiin manni murtii walii galaa Oromiyaa dhaddacha Kibbaa irratti murteesse qajeelaa akka hin taane ibsuun ol iyyannoo gaafatee jira.
Bu’uuruma kanaan manni murtii walii galaa Federaalaa ol iyyannoo Jaal Amaan Filee erga dhaggeeffateen booda, ALItti Onkoloolessa 11,2015tti beellama qabamee jira.
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddaachi Kibbaa Waxabajjii 30,2022 hidhaa waggoota 10 miseensa GS-ABO Jaal Amaan Filee irratti murteessuun isaa kan yaadatamu yoo ta’u, Jaal Amaan yeroo ammaa mana hidhaa Shaashamanneetti argama.