Shaggar lixaatti humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa Faannoon jumulaan maatii tokko guutummaatti dabalatee namoota 21 ol ajjeesan

 

Haleellaa lixa Shaggar Noonnootti eda halkan raawwatameen namoonni nagaa 21 ajjeefaman Eenyummaan isaanii adda baasuun ulfaate jedhame.

Haleellaa godina Shawaa Lixaa aanaa Noonnoo ganda Halloo Dinkiitti eda halkan hidhattoonni Faannoo ofiin jedhan raawwataniin namoonni nagaa 21 ol ajjeefaman haala sukkaneessaan tahuun jiraattotni himan.

Haleellaa Humnootiin Finxaaleyyii Faannoo raawwatan halkan Onkololeessa 19, 2025 naannoo sa’aatii sadii (03:00 ) irratti akka raawwatame ni himama.

Hidhattoonni Finxaaleyyii kunneen mana maatii hedduutti seenuun jumlaan bifa sukkanneessaan qaama isaanii cicciranii akka Eenyummaan isaanii adda hin baanetti godhanii fixanii deeman jedhan.
Miseensonni maatii guutuutti kan ajjeefaman akka jiran illee dubbatamaa jira.
Dhukaasni hanga halkan sa’aatii 6:00tti kan ture yoo ta’u, qaamni nageenyaa hanga sanaatti birmate hin turre jedhu hawaasni naannichaa.
Erga Humnootiin Finxaaleyyii yakka kana raawwatanii booda Naannoo Sa’aatii 06:00 Raayyaan Ittisa Biyyaa bakkicha dhaqqabullee yakkamtootni bakka sana lakkisanii deemaniiru jedhan.

Guyyaa har’aa reeffi namoota dhumanii bakka bakkaa walitti qabamee awwaalamaa jiraatus kanneen ajjeefaman malee namootni lubbuun hafan Kanneen Hospitaala seenan kan jiranii fi Namoonni sadi kan biroo immoo garee hidhate kanaan ukkaamfamanii fudhatamanii deemuu himu jiraattonni.

Hidhattoonni haleellaa kana raawwatan naannoo Giddu galeessa Itoophiyaa jedhamu godina Guraagee aanaa Abashgee maandheffachuun irra deddeebiin haleellaa akka raawwatan kan himamu addatti qubsumni maandhee isaanii aanaa Ammayyaa, aanaa Noonnoo fi magaalaa Walqixxee gidduutti argama. Hidhattoonni kunneen jidduu kanatti haleellaa raawwachuun ajjeesuun gamatti namoota ni ukkaamsuu, ni saamu hawaasa naannichaa baha gala dhorkanii jiru jedhu jiraattonni.

Mootummaan gareen kun dhiyeenyarratti duguuggaa sukkanneessaa irra deddeebiin raawwachaa jiraachuu osoo quba qabuu nageenya uummata tiksuu hin dandeenye, borus daran yaaddessaa tahuu kan kaasu hawaasni hanga ammaatti dhumaatii jumulaaf Mootummaan Itiyoophiyaas tahe kan Naannoo Oromiyaa waan jedhe hin qabu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *