Itiyoophiyaatti kaazinaan namoota dhuunfaa Guddataa kan danuu qullaatti hafaa jira”.Gabaasa Baankii Addunyaa

Bara bulchiinsa Paartii Badhaadhinaa wal qixxummaan dhabamuun waan akka tasaa dhalate miti, meeshaa ittiin biyya bulchan ta’uun faayidaarra oolaa jira.

Kaazinaan namoota muraasaa guddataa, gabataan namoota danuu qullaatti hafaa jira jedha gabaasni Baankii Addunyaa kan hiyyummaa fi wal qixxummaa(poverty and equity breif) irratti hojjetu.

Itoophiyaan yeroo ammaa kana wal caalmaan gama diinagdeen mullatu hamaa agarsiisaa jirti; sirni kun sirna humni siyaasaa gama badhaadhina diinagdeetti jijjiiramudha. Bara 2018 adeemsi badhaadhina waloof jechuun jalqabame, amma meshaa ittiin namoota ittii qoodanii alatti hambisan ta’ee itti fufee, amma namoota muraasa badhaadhinaan uwwisee miiliyoonota hedduu ammoo moofaa hiyyummaa keessatti hambisee jira.

Ji’a kana kan ifoome gabaasi Baankii Addunyaa kan hiyyummaafi wal qixxummaa diinagdee irratti xiyyeefate, (Poverty and Equity Brief) of eeggannoo jabaa tokkoon as bahe. Namootni guyyaan galii gad aanaa guyyaatti doolaara 3 gadi argatan, bara 2021 baayyinni isaanii dhibbeentaa soddomii sadii ture amma bara 2025 tti gara dhibbeentaa 43tti ol guddatee jira. Waggoota kurneen lamaaf fooyya’iinsa gama guddina walqixxummaa diinagdee kan agarsiisaa turte Itoophiyaan amma duubatti deebi’aa jirti, kun hojii dadhabbii dhaloota hedduu kan duubatti deebisedha.

Qaamni ragaa guddinni diingdee jiraattotaa wal gataa deemuu kana ifoomse, Baankiin Addunyaa, waan kanaaf “sababoota keessoo fi alaa”jechuun qoodee kaa’e. Isaanis dhiibbaa Weerara Dhibee Kooronaa, lola Tigraayi, Hoongee hamaa, guddinni walii galaa diinagdee harkifachuu fi qaala’iinsa gatiiti jechuun ibse.

Aangoo giddu-galeessatti kuufame, garagarummaa diinagdee karooraan tolfame

Bara bulchiinsa Paartii Badhaadhinaa wal qixxummaan dhabamuun waan akka tasaa dhalate miti, meeshaa ittiin biyya bulchan ta’uun faayidaarra oolaa jira. Humni bajataa, waliigalteewwan hojii mootummaa, carraan invastimantii, kan isaan jiran namoota muraasa amanamtoota warra biyya bulchanii jiranidha. “Qabeenya giddu galeessatti kuusuun qajeelchuun, turmaata bulchiinsa siyaasaaf karaa ta’uu” ogeessi sochii diinagdee fi maallaqaa biyyattii tokko ni kaa’a. Badhaadhina ta’uun amma mala ittiin carraa fooyya’ina qabu argattudha, hiyyummaan ammoo mallattoo ittiin adabbiiti, – taatewwan kun walitti to’annaaf kan akeekamaniidha.

Gabaasni Baankii Addunyaa dhiyeenya bahe kun sirni bulchiinsa siyaasaa kun jiruu idilee keessatti akkamiin akka mullatu sirriitti ibsa. Ammaa naannoleen baadiyyaa biyyattii kan sadii afraffaa ummata Itoophiyaa qabatee jiru gabaa keessaa baafamee oomisha danqameen qabamee kophaatti baafamee jira. “Ummatni baadiyyaa amma, hojii qonnaan ala hirmaannaa hagasii hin qabu” akka ibsi Baankii kanaa jedhutti. Kunis imaammatawwan alfa jiran hojii bulchiinsa lafaa fi humna namaa kan danqan ta’uuf agarsiisa jechaan akeeke.

Bara 2021, jiraattonni baadiyyaa biyyattii dhibbeentaa 86 ta’an barnoota sadarkaa tokkoffaa warra hin xumurre kan eere gabaasni kun, isaan keessgara walakkaa kan ta’an, daa’ima quucare takka qabus jedhee kaa’a ragaan. “Tajaajilawwan murteessoos wal qixxummaadhaan hin argaman. Fakkeenyaaf tajaajila qulqullinaa fi elektirikaa kan irra argatan warreen jiruun irra jireessa jiran harka 20 ta’anidha, warreen hiyyeeyyii ta’an keessaas kan biskileeta qykn qabbaneessituu qaban dhibbeenta takka hin ta’an” jedha gabaasi kun.

Amma akka dhugaa lafa jiruu fi dubbii oftuulummaa dubbatamu jidduu jira ballataa deemeen wal wallaalchifni baballataa jira. Naannoo baadiyyaa keessatti, waantota hedduu keessaa dhiibamuun alatti hafuun rakkoo mormii hidhannoo guddisaa jira. Magaalota keessattis qaamni barate, kan hidhata jabaa qabu, garuu malaammaltummaan achi qabame dubbii mootummaan as dubbaturratti amantaa dhabaati jira.

Dhaadannoon Muummee Ministiraa Abiy Ahimad “lammileen Itoophiyaa ija isaanii bananii raajii lafa jiru arguu qabu” jedhu gad bu’aa jira. Dhugaan lafa jiru ifaadha: hiyyummaan baayyataa jira, wal qixxummaa baduun baballatee, walamantaanis hurkee badaati jira.

Badhaadhinni afaaniin waan labsamuu miti, haqa, hirmaachisa gama maraa fi kabaja irratti waan ijaaramudha. Itoophiyaan amma dhaadannoo miti kan ishee barbaachisu, ija dhugaa lafa jiru ilaalu ishee barbaachisa. Dhugaa qofa kan qabatama bakkatti deebisuu danda’u. Darbees amantaatu (kan hojin argamu, kan humnaan namarratti hin fe’amne) badhaadhina dhugaaf hundee lafa kaa’uu danda’a. AS

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *