Maqaa sakkattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun Gandeeniifi Magaalaa keessa deemanii Waraanni murna Bilxiginnaa Uummata nagaa hidhuun dararaa hamaa irratti gaggeessaa jiru.
(Ebla- 12, 2022)
Akka odeessi maddeen keenyi addeessutti,. Lixa Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbayii Coomman Waarshaa Suluula Finca’aatti Maqaa sakkattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun Ummata nagaa guuranii jumlaan hidhaa jiru.
Maqaa Namoota hidhaman hunda argachuu baannuus ammaaf kan nu gahe:-
1, Fayyisaa Guddannee
2, Dachaasaa Bantii
3, Ibsaa
4, Zarihuun
5, Shibashii Abdiisaa
6, Baay’isaa Balaay
7, Ibsaa
8, Darajjee
9, Tasfaayee Baanee
10, Gulummaa Taarikuu
11, Daanyee Olaanii warreen kun kan Maqaan isaanii nu dhaqqabe yoo ta’u, walumaa galatti kan hidhamee jiru garuu Dubartoota 20fi dhiirota 110 walii gala Nama dhibbaaf Soddoma ta’u jedhu maddeen keenyi achi nuuf dhaaman.
Dabalataan haalli qabiinsa isaanii haalan baay’ee yaaddessaa fi kan Nama sodaachisuudha. Sababni isaas bakki itti hidhamanii jiran wajjira poolisiitti yoo ta’u baay’achuu hidhamtootaa irraa kan ka’e, bakka ciisaa dhabuun dabaree halkan wal raffisu, nyaata gahaa dhabuufi Dubartootnis bakkuma dhiirotaatti hidhamuu, Dhibee daddarbaan qabamuufi dhukkuboota garaagaraan qabamuun rakkachaa jiru. Maatiin hdhamtoota kanaa illee akka hin deeggaarre Poolisiin Nama tokkollee akka ijaan hin argine dhorkee jira.
Erga hidhamanis baatii tokkoof isaa ol kan fixanis jiru. Ammallee bifuma kanaan Namoota biroo hidhaa jiru.