Balaan hongee naannolee Oromiyaa fi Somaalee mudate hanga bal’inaa fi hammeenya isaatti mootummaadhaan xiyyeeffannaa akka hin argatin Komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa hime.

Balaan hongee naannolee Oromiyaa fi Somaalee mudate hanga bal’inaa fi hammeenya isaatti mootummaadhaan xiyyeeffannaa akka hin argatin Komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa hime.

(SQ-Hagayya 17,2022)

Akka Gabaasa Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa ibsetti Naannolee lamaanittuu bakki amma hongeen rukute armaan duras irra deddeebiin bakka hongeef saaxilamaa turani.
Ta’us rakkoo kanaaf qophii gahaan akka hin godhaminii fi gargaarsi godhamaa tures yeroo rakkoon hammaatee balaa qaqqabsiisuu eegaletti kan eegalame jedhe Komishinichi.
Komishinichi Godina Booranaatti aanaalee hongeedhaan akka jabaa miidhaman 5 fi kan naannoo Somaalee aanaalee 3 daawwatee jira.
Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa kutaalee biyyattii hongeen daran itti hammaate keessaa Oromiyaatti godina Booranaa aanaalee akka Yaa’a Balloo, Taltallee, Dubluq, Dirree fi Moyaalee keessatti gandoota 11 Naannoo Somaaleettimmmoo godinaalee akka Shabalee, Jararii fi Faafanitti aanaalee 3 gandoota 6 keessa deemee supperviishinii gaggeessuu hime.
Gabaasa dhuma Adoolessa Dabree qopheesse kanaanis bakkeewwan kanneenitti hongeedhaan miidhaa jajjabaan dhaqqabuu hima.
Naannolee hordoffii itti goone kanneenitti hongeen asiin durallee irra deddeebiin mudatee balaa dhaqqabsiise kan jedhu komishinichi miilanammoo waqtiiwwan oomishaa 2-4 walitti aansee roobni hin turre jedha.
Sababa kanaaf horsiiisee bultoonni naannawa kanaa akka kanaan duraa bakka hongeen jirurraa bakka jiidhinsi jirutti godaanufillee carraa hin arganne jedha.
Balaa kana hordofee mootummaa fi dhaabbileen garaagaraa odeeffannoo kennuu, dursanii akeekkachiisuu fi qophii ittisa balaa gochuu erga balaan dhaqqabeeyis dafanii baraaruu irratti hin hojjenne jedheera.
Gama kanaan xiyyeeffannaan kenname gad aanaa ta’uu ragaaleen arganne ni mirkaneessu jedha.
Fakkeenyaf Projektiin networkii bishaan Booranaa jedhamu rakkoo kana hir’isuuf waggaa 10 dura A.L.I 2003 Karoorfame hanga har’aa xumuramee tajaajilaaf ooluu hin dandeeye. Qophii fi deebiin rakkoo kanaaf kenname erga rakkoon kun balaa dhaqqabsiisee ta’uu mirkaneessina jedheera Komishiniin kun.
Gahee fi gaafatamummaa ofii bahachuu irratti Hanqinni guddaan Komishinii ittisa balaa biyyattii biratti mul’achuullee kaasa. Qabiinsi ragaalee miidhamtootaa qindaa’aa kan hin turree fi amala rakkoo kanaa sirriitti adda kan baase akka hin turin eera.

Naannolee kanneenitti maddeen bishaanii goguudhaan bishaan konkolaataan raabsamaa jira. Sababa hanqina bu’uuraalee misoomaa, gatiin boba’aa fi bishaanii qaalawuu hawaasa miidhame bishaan waliin gahuun qormaata guddaa ta’e jedha. Qabeenyi beeyladaa hedduun hongee kanaan dhumuu kan himu gabaasi hordoffii komishinichaa kun warri hafanis nyaata dhabanii oomisha kennuu fi gabaatti bahanii gatii baasuu kan hin dandeenye waan ta’aniif beeyladni madda nyaataa fi diinagdee isaa kan ta’e horsiise bulaan diinagdeen miidhameera jedha.
Sababa hanqina nyaataa fi bishaanii namoota qaamni isaanii huuqqate, garaa fi miilli isaanii dhidhiitaye, kanaanis dhukkubsatanii kanneen ciisan arginee jedha.
“Amma kan nu yaaddessu bakka irraa midhaanii fi bishaan argannu tokkollee waan hin qabneef lafeen keenya akkuma loonii san lafarratti bittinnaayee akka hin hafne” jedhu Horsiisee bultoonni Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa kun dubbise.
Dhaabbilee fayyaatti sababa fageenyaa fi hanqina maallaqaa jirurraa kan ka’e carraan deemanii waldhaansa argachuu dhiphaa dha jedhu.
Manguddoonnii fi daa’imman sababa kanaan balaarratti kufuun isaanii ifa jedha. Warri buqqa’anii kaampii qubsiifamanillee dhibee weerara fakkaatuuf saaxilamuu ibsa.
Barattoonni sababa kanaan manneen barnootaarraa harca’uu galmeefis fedhiin dhabamuu akka rakkinoota ijoo kan birootti gabaafameera.
Bu’uura tumaalee mirgoota namoomaa addunyaa fi tumaalee biyyattiitiin hawaasni Hongeef saaxilame mirgoota namoomaa baay’ee dhabuu kan kaasu Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa furmaata kana jedhus tarreessee jira.Mootummaan balaa kana beeksisuun dhaabbilee idil addunyaa, kan biyya keessaa fi biyya alaa tumsaaf haala mijeessuu qaba.
Rakkoo kanaaf Deebiin hatattamaa odeeffannoo qindaawaa irratti bu’uureeffamee fi karaa gaafatamummaa qabuun kennamuu akka qabu
Warri sababa kanaan buqqa’an bakka jiranitti gargaarsa akka argatan, bakka gargaarsi isaaniif kennamu akka beekan, warra odeeffannoo dhabanii buqqa’aniifis gargaarsi hatattamaa bakka dhaqqabanitti akka qaqqabuuf qophii gochuu, Mootummoonni federaalaa fi naannolee rakkoo manneen barnootaa bakka hongeef addatti murtoo hatattamaa dabarsuu qabu. Dhaabbileen fayyaas xiyyeeffannaa barbaadu. Arjoomtonnii fi mootummaan balaa kana salphisuurratti wal ta’anii deemuu qabu jedha.
Bakkeewwan hongeen irra deddeebiin sa’aa nama miidhaa jiru kanneenitti immoo furmaatni fulla’aan akka karoorfamu waamicha godha komishiniin mirgoota namooomaa Itoophiyaa gabaasa isaa kanaan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *