Yuunibarsiitiin Bulee Horaa Barsiisaa mooraa sanaa kan ta’e Barsiisaa Baqqanaa Abdataa yakka tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf hojii idilee isaarraa dhorke jedhu maddeen.
(SQ- Hagayya 17,2022)
Yunbarsiitii Bulee Horaatti Muummee Keemikaal Engineer kan ta’e Barsiisaa Baqqaanaa Abdataa kan jedhamu yakka tokko malee, sababa Oromummaa isaaf hogganaan isaa namni Dr. Taammiruu Aanoolee, aangoo isaatti fayyadamuun dalagaa idilee isaarraa dhorkee jechuun maddeen keenyi achi SQ tti himaniiru.
B/sa Baqqaanaa Abdataa, Yuuniversiitii Bulee Horaattifi barattoota isaa biratti nama kabajaafi jaalala guddaa qabuufi nama qaama siyaasaa kam irraayyuu bilisa ta’efi namusa qabu yakka tokko malee, dhimmi isaallee osoo hin qoratamiin xalayyaa tokko itti kennuun hojiikeerraa ugguramteetta jechuun gaafa Guyyaa 5/12/2014 ALHtti shira finxaa*leyyiin Amaaraa irratti dalaganiin hojii isaarraa hanga yoonaa dhorkamee jiraa jedhu maddeen keenyi achi nuuf gabaasan.
Dabalataan B/sa Baqqaanaa Abdataa Digirii lammaafaa isaa osoo barataa jiruu sababa kanaaf kan adda kuteefi Abbaa maatiitii jechuun SQtti himaniiru. Nammi kun galii biroo kan hin qabneefi ofiisaa qofa hojjetee maatiisaa of jiraachiisaa jira jechuun maddeen keenyi achi nuuf gabaasaniiru.
Dhiibbaan hojjettoota Oromoo Sababa Oromummaa isaaniif qofa dhiibbaan karaa qaama Mootummaa PP irratti dalagamu kamuu dhaabbachuu qaba.