Waraanni Bilxiginnaa Shawaa Lixaa, Gujii Lixaa fi Horroo Guduruutti Uummata nagaa 64 ajjeesse.

Waraanni Bilxiginnaa Shawaa Lixaa, Gujii Lixaa fi Horroo Guduruutti Uummata nagaa 64 ajjeesse.

(SQ-Ebla 30,2022)

Godinalee Oromiyaa gargara keessatti Waraanni Mootummaa Bilxginnaa maqaa Oppireeshiinii farra riphee lolaa jedhuun bobbaafame gocha sanyii duguuggaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuu gabaasa turuun keenya niyaadatama.

Tibba kanas Godianlee Oromiyaa sadii keessattii yoo xiqqaate namoota nagaa Meesha-maleeyii 64 ol ajjeessee.

Haala kanaan Godina Shawaa Lixaa aanaa Ada’aa Bargaa Ganda Caancoo Birraatee fi Tuulii Daseetti humnootiin mootummaa Bilxiginnaa uummata nagaa irratti haleellaa bananiin namoota nagaa 46 caalaan ajjeesuu maddeen keenya nuuf himan

Namoota ajjeeffaman keessa Daa’immaa Waggaa 5 fi Manguddoonni waggaa 70 olii jiraachuu kan nuuf himan maddeen keenya, namoonni ajjeefaman kunneen siyaasa keessaa qooda hin qabanis jedhu.

Namooti kunneen jumlaan haala sukkanneessaan kan ajjeeffaman yoo ta’uu kanneen maqaan isaanii nuqaqqabee.

Angaasuu Abbabaa – Ga’eessa
Tolaa Daffaar – Dargaggeessa
Botee Zawudee – Manguddoo
Girmaa Diroo – Manguddoo
Didhaa Galmeessoo -Manguddoo
Hundee Tufaa-Manguddoo ijaan hin agarre
Mallisee Caalaa -Ga’eessa
Bayyuu Diribaa -Manguddoo
Kabbee Daadhii-Manguddoo
Bojaa Didhaa-Ga’eessa
Xilaahuun Biyyaanoo- Manguddoo
Asheetuu Tulluu-Manguddoo
Zawuduu Asheetuu-Ga’eessa
Mootii Baacaa-Ga’eessa
Mootummaa Daadhii-Manguddoo
Mangistuu Nurgii-Ga’eessa
Caalaa Tufaa-Manguddoo
Bokii Dirribaa-Dargageessa
Didhaa Kabbadaa-Ijoollee
Katamaa Tufaa- Manguddoo
Manguddoo Haadha Jaalannee jedhamtu
Darshoo Abarraa-Daaqonii mana Amantaa
Kanneen jedhaman warreen ammaaf maqaan isaanii nu ga’e yoo ta’u kanneen maqaan isaanii nun qaqqabne hedduunis jiraachuu odeeffanneerra.

Oduuma wal fakkaatuun Waraanni Bilxiginnaa Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaa Ganda Garbaa jedhamutti Eebila 28,2022 Dargagaggoo Sanbatoo Badhaasoo Badhaasoo Dukaalee jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan jedhu maddeen keenya.

Haaluma kanaan Eebila 15,2022 Aanaa Birbissa Kojo’aa tti waraanni Bilxiginnaa namoota 16 jumlaan rashanuus odeeffanneerra

Namoota ajjeefaman kanneen keessaa kan maqaan nu qaqqabe:-

Nigaatuu Tuukkaa
Jiloo Tunnunnuufi
Dastaa Haroo kan maqaa arganee yoo ta’aan namoonni 7 rasaasaan yoo ajjeefaman Aanaa Qarcaatti Ammoo namoota 2 maqaan isaanii Goobanaa Waaree fi Dastaa Tuukkaa jedhaman ukkamsuun lola Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasisan irratti dirqamaan hirmaachisuun Waraanni Bilisummaa Oromoo yeroo isaan ariyutti haaloo isaanii namoota lamaan kanatti ba’uun haala suukanneessaan ajjeesuun maatiin akka reeffa hin awwaallannes dhorkan jedhu maddeen SQ.

Dabalataan aanaa Bulee Horaa Magaalaa Garbaa Ganda 02tti waraanni Bilxiginnaa Nama Maqaan isaa Kifilee Dukkalleee jedhamuu maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deeggarta jedhuun rasaasaan ajjeesanis jedhu maddeen,

Ittuma fufuun waraanni Bilxiginnaa aanaama Bulee Horaa Ganda Ruussa hanqu jedhamutti nama maqaan isaa Dullachaa jedhamus rasaasa ajjeesuu odeeffanneerra.

Taateema wal fakkaatuun Eebila 24,2022 aanaa Qarcaa Ganda Gooroo Me’ee, bakka Sukkee jedhamtti , waraannii Bilxitiginnaa Obbo Gannoo Waaqoo Dullachaa ajjeesan jedhu.

Mootummaan Bilxginnaa duulaa duguuggaa sanyii Saba Oromoo irratti geggeessaa jiru kan durii caalaa jabeessee itti fufeera.

Ittuma fufuun Waraanni Bilxiginnaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaayi Coomman bakka Suluula Finca’aa jedhamutti Shanee waliin hidhata qabdu jechuun Eebila 26,2022 dargaggoota 3 kanneen naannoo warshaa sukkaaraati hojii humnaa hojjetanii jiraatan ajjeessan jedhu maddeen.

Dargaggoonni ajjeeffaman kunneenis Rattaa Dhibbuu Dhalataa Baakkoo kan ta’e, Fayyisaa kuusaa Dhalataa Ganda Hacaanee, Habtaamuu Maammuyyee dhalataa ganda Migiruu kanneen jedhaman garaa jabeenya guddan ajjeeffaman jedhu kana malees Dargaggoo Dirribaa, Fiqee fi Mallasaa kanneen jedhaman ammoo Waraanni Bilxiginnaa ukkaamfamuun eessa akka geeffaman hin baramne jedhu maddeen keenya.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *