Waraana Mootummaan Paartii Bilxiginnaa Uummata Oromoo fi Lammilee Oromiyaa irratti kallattii maraan labsee jiru ilaalchisee ABOn ibsa Adda Bilisummaa Oromoo.
Ibsa ABO-Ebla 29, 2022
Tibba Murni Paartii Bilxginnaa jedhamu Dr.Abiyyi Ahimadin durfamu aangoo qabate irraa eegalee karaa hedduudhaan haleellaa uummata Oromoofi lammiilee Oromiyaa irratti raawwatamaa jira. Paartiin Bilxginnaa jedhee of waamu pirojektii sirna kolonii durii deebisuudhaaf yeroo ammaa diriirfamee jiru kana uummata Oromoo fudhachiisuuf tooftaalee addaa addaatti fayyadamaa jira. Duulli yeroo ammaa Oromoo irratti labsamee jiru kan yeroo kamiyyuu caalaa hamaa fi qabiyyee hedduu kan of keessaa qabu yoo ta’u, jireenya ilmaan Oromoo mancaasuu, dhaabbilee Oromoo diiguufi saba Oromoo laaffisuu irratti fuuleffata. Paartiin Bilxginnaa Dr.Abiyyi Ahimadiin durfamu yeroo hundeeffamee aangoo qabate irraa eegalee malaan eenyummaa Oromoo dhabamsiisuu, dhaabbilee Oromoo diiguufi saba Oromoo laaffisuu irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira. Duulli Paartiin Bilxginnaa kallattii maraan labsee jiru kun kaayyoon isaa ijoo pirojektii sirna Minilik II deebisanii dhaabuuf diriirfame humnaan uummata Oromoo fi sabootaafi sablammoota biyyattii biroo fudhachiisuudha. Duulli kanaafis fakkeenya kan ta’u malaan iyyummaa dagaagsuudhaan eenyummaa fi ilaalcha siyaasaa isaanii irratti hundaa’uun lafa isaanii jalaa fudhachuu, gareen lafa babal’ifachuuf bobbaafaman lafa Oromoo akka fudhataniif tumsuu, eenyummaa irratti hundaa’uudhaan Oromoo ajjeessuu fi lafa isaa irraa buqqaasuu, matta’aa fudhachuu fi malaanmaltummaa loltootaa fi humnoota nageenyaa mootummaan hidhachiisee bobbaasuun raawwatamaniidha.
Haaluma kanaan duguggaan sanyii jumulaan kan irratti raawwatame yoo ta’u, kanaanis guyyaa guyyaatti haleellaan irratti raawwatamaa jira, qe’ee isaa irraa buqqaafamaa jiru, walitti bu’insaa fi lola addaa addaatiif saaxilamee jiru. Murni Paartii Bilxginnaa jedhee of waamu kun sabaafi sablammoota ollaa waliin jiraatan walitti buusuudhaan nagaadhaan akka isaan waliin hin jiraanneef shira addaa addaa xaxaa jira. Gareen Paartii Bilxginnaa jedhee of waamu kun Oromiyaa dirree waraanaa gochuu qofa osoo hin taane, ilaalcha, amantii, eenyummaa, barnootaa fi hariiroo hawaasummaa dabalatee mirgoota namummaa bu’uura ta’an sarbaa jira. Haleellaa Tibbana gareen shororkeessaa mootummaan deggeramu hawaasa Musiliimaa kaaba Itoophiyaa irratti raawwate loogiin amantii irratti raawwatamu jiraachuu ragaa mirkaneessuudha. Kunis gareen aangoo qabatee jiru mirga namoota amantii isaa hin hordofnee akka hin kabajne ifatti agarsiisa. Akkasumas loogii sirna barnootaa, sagantaalee misoomaa fi dhimmoota nagaa fi tasgabbiin walqabatee raawwataman ilaalchisee ragaalee hedduu eeruun ni danda’ama. Uummata Oromoo irratti kallattii garaagaraan dhiibbaa gochuudhaan, dhaabbilee siyaasaa fi hawaasummaa Oromoofi saboota cunqurfamoo biroo laaffisuuf abbaluun gareen biyya bulchaa jiru sirna dimokiraasii akka hin kabajnee fi saboonni cunqurfamoon biyyattii sirna abbaa irreetti akka harka kennatuuf dirqisiisuuf abbalaa akka jiru mirkaneessa.
Uummanni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa yeroo ammaa kana haleellaa irratti raawwatamuu fi nagaa fi tasgabbii dhabuu irraan kan ka’e wantoota jireenyaaf barbaachisan argachuuf hojii isaanii guyyaa guyyaa sirnaan hojjetachuu hin dandeenye. Duulli haleellaa loltoonni mootummaa yeroo ammaa uummata Oromoo irratti labsanii jiran kan yeroo kamiyyuu caalaa baay’ee hammataadha. Gaafa Ebla 21/2022 Mootummaan Paartii Bilxginnaa uummata Oromoo Walloo akka weerareefi kanaanis mancaatii baay’ee hamaa uummata Oromoo Walloo irraan akka ga’e eeruudhaan ibsa baasuun keenya ni yaadatama. Ammas Murni Paartii Bilxginnaa jedhamu Giddugaleessa Oromiyaa, Arsii Lixaa, Baha Wallaggaa fi Godinoota Gujii dabalatee kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti gochawwan baay’ee suukaneessoo ta’an uummata Oromoo nagaa irratti raawwatee jira. Odeeffannoo kana akka armaan gadiitti bal’inaan dhiyeessinee jirra:
1. Humnoonni murni aangoorra jiru hidhachiisee bobbaase gaafa guyya Ebla 28, April 2022, Giddugaleessa Oromiyaa, Aanaa Ada’aaargaa keessatti jaarsa waggaa 70 dabalatee namoota nagaa 15 ajjeesanii jiru. Humnoonni murni aangoo dhuunfatee jiru hidhachiisee bobbaase kunniin maallaqa callaa, meeshaalee mana keessaa dabalatee qabeenya namootaa saamuufi mana jireenyaa namoota dhuunfaa gubanii jiru. Yeroo ibsa kana baasaa jirru kanatti daa’immaniifi maanguddoonni lubbuu isaanii baraaruuf gara bosonaatti baqachaa jiru.
2. Humnoonni nageenyaa Paartiin Bilxginnaa hidhachiisee bobbaase, gaafa guyyaa Ebla 28, 2022, Godina Arsii Lixaa Aanaa Digaluuf Xiijjoo, Heexxosaa, Itayyaa, Muunessaa, Leemmuu Hilbiluu, Boqojjii, Roobee fi Ziwaayi Dugdaa keessatti namoota nagaa 31 mana hidhaatti kan ugguran yoo ta’u, namoonni hidhaman kunniin wiirtulee mana hidhaa addaa addaa keessatti ugguramanii humnoota mootummaan hidhachiisee bobbaasen dararaa hamaan irratti raawwatamaa jira. Dararaa fi reebicha irratti raawwachuu qofas osoo hin taane, namoonni hidhaman kunniin qarshii 20,000-30,000 kaffaluudhaan mana hidhaarraa akka gadhiifaman ajaja dabarsaa jiru. Akkasumas lafa qonnaa isaanii akka hin qotanneef kan dhorkaman yoo ta’u, kanatti dabalees miseensota WBO naannicha socho’an qabanii humnoota mootummaaf hin dhiyeessan taanaan lafti qonnaa isaanii akka harkaa fudhatamu akeekkachiisuun sodaachisaa jiru.
3. Godina Horroo Guduruu (Finca’aa) keessatti ammoo gaafa guyyaa Ebla 26, 2022, namoonni sadii kan ajjeefaman yoo ta’u, namoonni sadii ammoo achi buuteen isaanii dhabamee jira. Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Kiiramuu keessatti barataan Yuunivarsiitii QabriDaar humnoota mootummaan hidhachiisee bobbaaseen ajjeefamee jira. Godina Horroo Guduruu (Kiramuu) keessatti gaafa Ebla 16, 2022 nama nagaa 36 ajjeesaniiru.
4. Torban kana Kaaba Baha Finfinnee fi Godina Salaalee (Abootee, Haroo Kuyyuu, Meettaa fi Gindabarat) keessatti haleellaa mootummaan humna qilleensaa fayyadamuun raawwate dabalatee namoonni nagaan 30 ajjeefamanii jiru.
5. Godina Shawaa Lixaa (Amboo fi Naannolee ollaatti argaman) keessatti gaafa guyyaa Ebla 27, 2022 namoonni nagaan 19 ol ta’an ajjeefamanii jiru.
6. Godina Gujii, aanaa Bulee Horaa keessatti gaafa guyyaa Ebla 28, 2022 namoonni nagaa 11 ajjeefamanii jiru.
7. Ajjeechaa fi dararaan uummata Oromoo nagaa irratti raawwatamu muraasa armaan olitti kan eerre yoo ta’e iyyuu, gochi ajjeechaa fi hidhaa kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti bal’inaan raawwatamaa jira.
ABOn waraana kallattii maraan uummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti labsame kana gadi jabeessee balaaleffachaa, namoonni Godina Arsii Lixaa fi Giddugaleessa Oromiyaa keessatti hidhamanii jiran atattamaan hidhaarraa gadhiifamanii qabeenya isaanii saamameefi uggurame akka deebi’uuf, mana gubatee fi qabeenya manca’eef beenyaa barbaachisaan akka kaffalamu gaafanna.
Humna waraanaa bobbaasuu fi lola labsuudhaan uummanni Oromoo sirna abbaa irreetti harka kennatee akka garboomee akka jiraatuuf dirqisiisuun akka hin danda’amne paartii Bilxginnaa yaadachiisuu barbaanna. Murni aangoo qabatee jiru yakka irratti yakka tuulaa deemuu kana dhiisee, rakkoo siyaasaa impaayera Itoophiyaa mudatee jiruuf karaa nagaa fala akka barbaadu yaadachiisna. Walitti bu’insa hammeessuu fi dhiiga uummata nagaa dhangalaasuun wal qoodinsa babal’isuun gara diigmsaatti oofa malee nagaa fi tasgabbii fiduu akka hin dandeenye qalbifachuun barbaachisaadha. Akkasumas abjuu Paartiin Bilxginnaa biyya tokko, amantii tokkoofi sirna bulchiinsaa tokko ijaaruuf qabu, walitti fufiinsaan waraana labsuufi garee shororkeessaa hidhachiisuun Oromiyaatti bobbaasuu fi mirga namummaa sabootaafi sablammoota cunqurfamoo sarbuudhaan gonkumaa hin milkaa’u.
Ajjeechaa fi manca’insa qabeenyaa yeroo ammaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiruufi miidhaa kanaan wal qabatee fuulduratti biyyattii keessatti uumamuu maluuf kan itti gaafatamu Murna Paartii Bilxiginnaa jedhee of waamuufi aangoo qabatee jiruudha. Gochi walitti bu’insa hammeessuu fi nageenya booressuu yeroo ammaa raawwatamaa jiru kun fuulduratti hariiroo waliin jireenyaa uummattoota Itoophiyaa gidduu jiru waan diiguuf, gareen aangoo dhuunfatee jiru atattamaan humnoota hidhachiiseease Oromiyaa keessaa baasee, humnoonni kunniinis hidhannoo isaanii hiikkatanii rakkoo siyaasaa impaayera Itoophiyaa mudatee jiruuf furmaati karaa nagaa akka barbaadamu dhaamna.
Dhumarrattis, yaa uummata Oromoo haalli yeroo ammaa keessa jirtu dhimma jiraachuuf jiraachuu dhabuuti. Waan kana ta’eef tokkummaadhaan harka wal qabattee mataakeef eenyummaakeef falmachuu qabda. Bilisummaa fi dimokiraasii dhugaa argachuudhaaf sabaaf sablammoota biyyattii biroo waliin taatee jabaattee falmachuutu sirraa eegama. Akkasumas uummanni Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan kara dandeessan maraan uummata keessaan Oromoo cina akka dhaabattan dhaamna. Uummanni Oromiyaa fi lammiileen Oromiyaa biyya keessa jiraatan uummata Oromoo Arsii Lixaa, Ada’aa Bargaa, Gindabarat, Horro Guduruu keessa jiraataniif tumsa barbaachisaa akka gootanii fi sagaleen isaanii hawaasa idil-addunyaa biratti akka dhagaa’amuuf waan dandeessan mara akka raawwattan dhaamna. Sabaafi sablammoonni cunqurfamoonis uummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa cina dhaabachuun akka tumsan gaafanna.
Akkasumas, Mootummaan Paartii Bilxginnaa gocha aangoo irra turuuf jecha yakka lammilee biyyattii irratti raawwachaa jiruu fi mirgoota namummaa lammiilee biyyattii sarbuu akka dhaabuuf, kallattii maraan dhiibbaa akka godhan hawaasa idil-addunyaa fi dhaabbilee mirga dhala namaa idil-addunyaatti iyyanna. Mootummoota addunyaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Afrikaa, Gamtaa Awurooppaa fi dhaabbilee sadarkaa idil-addunyaatti mirga dhala namaaf falman dabalatee hawaasi idil addunyaa Mootummaan Paartii Bilxiginnaa yakka mirga dhala namaa sarbuu raawwachuu irraa of qusatee, rakkoo siyaasaa impaayera Itoophiyaa mudatee jiruuf karaa agaatiin fala akka barbaaduuf dhiibbaa akka godhan jabeessinee dhaammanna.
Injifannoo Uummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 29, 2022
Finfinne