Matakkalitti dhalattoonni Oromoo fi Agaw gareen humna Faannoo dararaa hamaan nurraan gahaa jira jedhan.

Matakkalitti dhalattoonni Oromoo fi Agaw gareen humna Faannoo dararaa hamaan nurraan gahaa jira jedhan.
(SQ Ebla _ 29, 2022)
Naannoo Beenishaangul Gumuuz Koonyaa Matakkalitti ajjee*chaan garee humna Faannoo Amaaraan raawwatamu cimee itti fufuun dhaga’ame.
Dhalattoonni Agaw Shan garee Faannoo kanaan Lubbuu darbuu jiraattonni himan.
Lubbuun darbuu fi dararaan dhalattoota Oromoo fi Agaw irratti xiyyeeffate Matakkal Ona Dibaaxeetti raawwatamaa kan jiruufi ammallee yaaddoo guddaa keessa akka jiran jiraattonni SQ tti himan.
Akka jiraattonni yaada isaanii kennanitti dhalattoonni Agaw Shan Koonyaa Matakkal Ona Dibaaxee Araddaa Gaallisaa jedhamutti haala suukann*eessaan humnoota Faannoo Amaaraan ajjeefamaniiru. Kanamalees gareen Faannoo barattoota lakkoofsaan 20 ta’an kanneen barnoota sadarkaa olaanaa hordofuuf Gaallisaa irraa Finfinnee imalaa turan hordofuun naannawaa Injibaaraatti marsuun yaalii ajjee*chaa irratti kan raawwatan yoo ta’u birmannaa uummataatiin Lubbuun barattoota kanaa akka hafe jiraattonni SQ tti himaniiru.
Gareen Faannoo kun rifaatuu tokko malee namoota nagaa ajjeesaa jiraachuu eeranii, garee kana duuba mootummaa naannoo Amaaraatu jira jedhu jiraattonni.
Sababni isaan Matakkalitti uummata Oromoo fi Agaw irratti xiyyeeffataniif jaalalli, hariiroo fi walitti dhufeenyi saba lamaan gidduuu jiru hedduu cimaa waan ta’eef diiguu barbaadu jedhu jiraattonni yaada isaanii kennan.
Gama biraatiin gareen Faannoo Amaaraa duula babal’ifannaa lafaa kallattii hundaan jalqabe sana kallattii Matakkaliinis itti fufuun hawaasa goolaa jiraachuu himu. Duula kanaan ammoo uummata Oromoo fi Agaw qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisuuf bifa irra deddeebitiin haleellaa irratti banuun dararaa jiraachuu jiraattonni SQ tti himaniiru.
Koonyaa Matakkalitti Humnoonni Addaa Amaaraa, Milishaa fi gareen Faannoo qindoominaan wayitii garaagaraatti uummata Oromoo, Agaw fi Gumuuz irratti haleellaa raawwataa turuun ni yaadatama jechuun yaada isaanii SQ tti himaniiru.
Kanaaf nuti wal taanee tokkummaan diina nu balleessuuf bahe kana ofirraa dhowwuu qabna jechuun yaada isaanii SQ tti himaniiru dhalattoonni Agaw Koonyaa Matakkal jiraatan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *