Koonyaa Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Abbaay Coomman Suluula Finca’aatti Maqaa sakkattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun Waraanni PPn Qeerroo dararaa jira jedhu maddeen.
(SQ Ebla _ 29, 2022)
Gaafa Ebla 26, 2922 Waraanni Bilxiginnaa Dargaggoota hojii dhuunfaa isaanii lafa qonforatanii jiraatan yakka tokko malee isin shanee gargaartu jechuun lubbuu Nama Sadii battaluma yoo galaafatan, Nama Sadii immoo qabanii sokkuun eessa akka buufaman hin baramne jedhu jiraattonni SQtti himan.
Akka jiraattonni kun nuuf dhaamanitti Dargaggootni kunneen hundi isaanii ilaalcha Siyaasaa kam illee warran deeggarreefi warra Jireenya dhuunfaa isaanii qofa gaggeeffatanii jiraatanidha jedhu maddeen.
Kanneen Wareegaman:- 1, Rattaa Dhibbuu dhalataa Ona Baakkoo
2, Fayyisaa Kuusaa dhalataa Araddaa Hacaanee
3, Habtaamuu Maammuyyee dhalataa Araddaa Migiruu(Hacaanee) yoo ta’an.
Warreen Waraana PP n hidhamuun eessa buuteen isaanii hanga ammaatti hin beekamne:- 1, Dirribaa
2, Fiqiree
3, Mallasaa Maqaan Abbaa isaanii ammaaf nun dhaqabne.
Dabalataan akka jiraattonni achii SQtti
Suluula Finca’aatti Maqaa sakkattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhu dahoo godhachuun akka Qeerroon Magaalaa sanaa tasgabbiin hin jiraanneefi warra Lubbuun darbe kana akka isaan Wareegaman kan taasise:-
1, Tasfaayee Guuttataa Bulchaa Araddaa Agamsaa
2, Alamaayyoo Baqqaanaa Barreessaa Araddaa sanaa. Jarreen kunneen lameen Magaalaa sana keessatti Namoonni hiyyeessota kanatti ajaja akka lubbuun darban taasiseefi ammallee Magaalaa sana keessatti nagaa waaraan akka dhufne warra irratti hojjechaa jiranidha jedhu maddeen keenyi achii. Suura dargaggoota Lubbuun darbitee sababa network f nun dhaqabne.