Mootummaan wal dhabdee kiiraamuutti tahaa jiru dhaabsisuu hin barbaadu jechuun Qondaalli ABO lammii Beenyaa komate.

Adeemsa Walqaayit lammaffaa uumuu: Daba keessaa fi alaa

Oromoo fi Amaarri daangaa dheeraa waliin qabaachuun mirkana. Fiixee daangaa Tigiraay kaasee hanga Beenishaangul Gumuz gahutti wal daangessu. Addatti ammoo marsa laga Abbayaatiin daangaa dheeraa qooddatu.

Jabana Dargii qonna babal’aan gama Angar, Ukkee, Guutee fi gammoojjii naannoo sanaatti gaggeeffamaa ture. Beela 1977 ALH biyya kana mudate hordofee qubattoonni kumoota heddutti lakkaa’aman naannoo sana qubsiifaman. Qubattoonni kun irra guddaan kutaa Walloo irraa dhufan. Amantaan isaaniis Isilaama. Haa ta’u malee, jarri Oromummaa caalaa Amaarummaa himatu.

Sababa qonna babal’aa sanaan magaalaan Angar Guutee jedhamtu bu’uuroftee guddatte. Magaalaa sana keessatti Amaarri Oromoo caalaa of gurmeesse. Bara bulchiinsa wayyaanee gurguddoon Amaaraa magaalaa Angar Guutee kanatti xiyyeeffataa turan. Keessumaa Taammiraat Laaynee dhoksaan abbootii qabeenyaa gurmeessuu, namoota seeraan ala gara sanatti geessuun qubachiisuu, meeshaa waraanaa hidhachiisuu, dinagdeen isaan gargaaruun karooraan gaggeeffamaa ture.

Qunnaan bulaan Oromoos lafa babal’aa waan qabuuf jara Amaaraa kana gamaa as harkisee qonna qochiisiifata, ni ergata. Lafa isaas qoodee akka isaan irra qotatan hayyamaa ture. Booda keessa namootni qonna qotuun dhufan abbaa qe’eerraa lafa bituu, intala irraa fuudhuu, firoomfachuu, amantaa tokko waliin qabaachuun hawaasummaatti wal madaqsuun tureera.

Haala sanaan waggaa gabaabaa keessatti lakkoofsi Amaaraa baay’ee dabalaa, lafa isaan irra qubatanis babal’ataa deeme. Akkuma beekamu lafti naannoo sanaa bosona waan tureef bosona ciranii ganda mataa isaanii hanga hundeeffachuu gahan. Magaalaa Haaroo jedhamtu, kan amma wiirtuu hooggansa Faannoo taate sun haala sanaan hundooftee guddatte.

Amaarri naannoo sana qubatu yeroo hundumaa naatoo mootummaa qaba ture. Afaan isaaniitiin baratu, qawwee ni hidhatu, milishaa ta’anii leenjifamu, tika ta’anii ramadamu, walumaagalatti Oromoo caalaa amanamummaan isaanirra kaa’amaa ture. Haalli kun barootaaf deemaa ture.

Booda lakkoofsi isaanii gaafa dabalaa deemu, keessumaa bara 2005 asitti naannoo Amaaraa jalatti buluu qabna sochiin jedhu ifatti jalqabame. Dubbiin sun gara jalqabaa tuffatamaa, itti qoosamaa ture. Garuu, gaaffiin sun kan qonnaan bulaa aanaa muraasa keessa jiraatuu osoo hin taane kan beektota Amaaraa Finfinnee, DC ykn London jiraatuu ture. Gaaffii sana isaantu bocee gaaffii siyaasaa taasise.

Waggaa shan dura, gaafa sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo gara sanatti babal’atu, dargaggoota Amaaraa qofaatti fo’anii leenjisuun hidhachiisuun ture. Mootummaan ifatti isaan hidhachiisee goolii ittaanuuf isaan qopheesse.

Yeroo waraanni Tigiraay eegalamu dargaggoonni leenjii gahaa qaban kilaashii 300 qabatanii wayyaanee loluuf fedhiin duulan. Humni sun waraana booda gaafa galu Baabir Daaritti simatamee eebbifamee, jajamee, meeshaa duraan qaban, kan waraana keessaa saamanitti dabalee meeshaa gurguddaa kan akka Bireenii, Sniper, DShK, fi kkf mootummaa Naannoo Amaaraan badhaafaman. Gaafa duulaa nama Alii jedhamutu isaan hooggane. Gaafa galanis namuma Alii jedhamu kanatu isaan durse. Jarri sun hidhannoo argatan, akkasumas gorsa qaamota siyaasaa adda addaarraa argataniin galanii kan duraa caalaa of ijaaran. Aliin har’a humna akkaan hidhate hooggana.

Humni sun amma aanaa Jiddaa Ayyaanaa, Kiiramuu, Jaardagaa Jaartee, Abee Dongooroo, Angar Guutee, Amuruu fi bakkoota biroo keessatti hidda gadi dheereffachuu caalaa ifatti adda waraanaa tokko ta’uu isaanii fi hooggansa mataa isaanii akka qaban wiirtuu isaanii Haaroo jedhamu kan aanaa Kiiramuu keessatti argamurraa ibsa kennanii turan. Qaama isaan loluuf murteessan eenyu akka ta’e beekamaadha.

Edda lolli kun eegalamee, waggoota darban kana yakka suukanneessaa gurri namaa dhaga’uun jibbisiisu heddu raawwatameera. Qabeenyi saamameera, dubartiin gudeedamteetti, maanguddoon mana keessatti gubateera. Ummanni kaan akka garbaatti Faannoof ergamee jiraata. Gabaa dhaquuf, kan mana yaalaatti wal geessuuf, kan du’e awwaaluuf Faannoo hayyamsiisa. Kellaa irratti kaffalee darba. Lubbuun jiraachuuf akka garbaatti isaan gabbara.

Namoonni naannaa sanaa, kanneen humna qaban hunduu buqqa’ee magaalaatti galeera. Namoonni ijoolleen isaanii Finfinnee jirtu asuma galan. Dargaggoonni naannoo sanaas, kan silaa gurmaa’anii ummata ittisuu malan asuma Buraayyuu kanaa lafa dhiitaa oolu. Kaan Facebook irraa gadda labsu. Ummaticha kan ittisu homtuu hin jiru.

Mootummaan ammayyuu taanaan nageenya naannoo sanaa eegsisuu hin barbaadu. Sanaaf sababa baay’eetu jira. Tokkoffaa, saba Amaaraa fi Oromoo gidduu walitti bu’iinsi dhaabbataan akka jiraatu barbaada. Sun ta’uuf ammoo karaa adda addaa dhiigni dhangala’uu, wal madeessuu, fi diinummaan ilkaan walitti qarachuun akka jiraatu fedha. Akeeka sanaaf naannoo sana Walqaayit lammaffaa taasisee abiddaa fi cidii taasisuu fedha. Kan lammataa, lafa walqaayit lammaffaa taasise kana lamaan irratti humnoonni Amaaraa fi Oromoo dhaabbataan akka wal dura dhaabbatan, dirree sana lafee dorgee (bone of contention) godhii akka wal harkatti qaban, akka irratti wal lolan taasisuudha. Walqaayit tokkoffaan Amaaraa fi Tigiree wal dura dhaabuun milkaa’eera. Amma kan Walqaayit lammaffaatu itti fufa.

Kanaaf, dhimma naannoo sanaa ilaalchisee gurmuun maqaa Oromoon socho’u kamuu dhugaa kana beekee akkamiin rakkoo wal xaxaan kun furama jedhee mari’atuu, wal tumsuu fi dhiibbaa gama hundaa uumuu qaba. Dhugaa dubbachuuf, utuu har’a referendum naannoo sanatti gaggeeffamee Oromoon lakkoofsaan ni caalama. Dhugaan kun hadhaa’uu mala. Garuu waan lafarraa mul’atu waakkachuun hin danda’amu.

lammii Beenyaatiin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *