Godina #Matakkal Aanaa Dibaaxeetti Waraanni PP mana cidhaa irratti dhukaasa baneen namoonni nagaa 7 yoo ajjeesu 4 immoo madaa’aan.
Waraanni Ummataaf dhaabbachuu qabu sirna nam-tokkee tiksuuf pp jala hiriire Matakkalitti Namoota cidha irra turan ajjeesuu dabalatee mana Obbo #Asaffaa_Raggaasaa jedhamu kan inni keessa jiraatu cufuun ibidda itti qabsiisuun qabeenya hammi isaa hin beekamne barbadeessanii jiru.
Akka gabaasaan arganne ibsutti maqaa Namoota cidha irratti du’anii :
1:- Gammachuu Fayyisaa
2: Asaffaa Fayyisaa
3: Daa’ima ganna 12, ilma Abdisaa Fayyisaa
4 – Margaa, manguddoo umriin isaa waggaa 70
5: Abbaa Boggaalaa, manguddoo umriin waggaa 60
6: Argataa Galataa
7: Gannatii Kushan kanneen jedhaman yoo ajjeefaman namoota 4 miidhaa ulfaataan irra gahe dabalatee namootni hedduun miidhamanii jiraachuu dhagahame.