Barattootni Yuuniversiitii Finfinnee weerara daangaa Oromiyaa Mooyyaalee mudateen lubbuu darbaa jiru ilaalchisuun Ibsa baasuun balaaleffatan.

IBSA EJJANNOO BARATTOOTA OROMOO MOORAA YUUNIVARSIITII FINFINNEE HAALA YEROO AMMAA AJJEECHAA FI WEERARA MILIISHOOTA SOOMAALEETIIN UUMMATA KEENYA OROMOO BOORANAA IRRATTI RAAWWATAMAA JIRUUF KENNAME!
➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖
Kun ibsa ejjennoo barattoota Oromoo Mooraa Yuuniversiitii Finfinnee haala yeroo ammaa uummatni keenya, keessattuu Ummatni Oromoo Booranaa daangaa irratti weerara werartoota Somaaleetiin keessa jiru irratti hundaa’uun kan kennameedha.

Akkuma beekamu uummatni Oromoo erga jaarraa 19ffaa keessa Minilikii 2ffaan humnaan cabee kaasee roorroo, hacuuccaa, dararamnii fi gidiraan Itoophiyaa mataa Oromoo irratti erga kufee hanga ammaa uummatni Oromoo osoo haara hin galfatin guyyaa har’aa ga’ee jira. Innumaayyuu bara Oromoon biyya bulchaa jira jedhan keessatti sarbamiinsi mirgoota Namoomaa fi Dimookiraasii uummatichaa cabuun ajjeechawwaan suukkanneessaa ija namaaf hin tolle rawwachuun akkasumas mirga lubbuun jiraachuu dhabuun qe’ee isaa irratti, keessattuu naannoo daangaa Godina Booranaatti uummatni keenya akka Looniitti qalamaa jira. Kana callisanii yoo ilaalan waanti biroo maaltu uummatichaaf godham?

Uummatni Oromoo uummata adda isaa rasaasaaf kennee sirna nama nyaataa waggaa 27 biyya kana akka garaa isaatti uummata Oromoo daa’imaa hanga beekaa isaa duguugaa ture aangoo irraa kaasuun mootummaa amma jiru aangootti baase. Bu’aan isaa kan amma argaa jirru kana ta’e. Kan durii seenaan baranne, har’a garuu gocha isa irra caalu weerara daangaa fi Duguggaa sanyii irratti xiyyeeffate ijaan argaa jirra.

waggottan jahan darbanif qe’een oromoo sababa dhaba nageenyaa goolamaa jira. kana bira darbee dangaan oromiyaa kabajamuu dhabuun shiftaan Faannoo jedhee of waamu kaaba(Salaale) fi lixa oromiyaa(Wallagga) irratti lammi keenya waani hin goone hin qabu. kun seenaa osoo hin taane gocha nuti ijaan argaa jirrudha. nuti barattootni yuuniversitii gochi akkasi qe’ee keenya irratti yoo rawwatamu baayyee nu dhukkuba. harra, boru immimman haawwota fi abboota keenya qoora jenne osoo eegnu furmaata waaraa nageenya ummata keenyaaf wabii ta’u dhabne. mootumman humna hangas gahu qabatee waan kana hawaasni isaa bifa kanaan yoo dararamu callisuun isaa guddoo nu gaddisise. gaafis nutti ta’e.

Dabalataan qaamni har’a daangaa Oromiyaa cabsuun uummata Oromoo Booranaa qe’ee isaa irraa buqqisuun gocha farra namoomaa irratti rawwachaa jiru werartoota Somaaleeti.
Ajjeechaan kun kan yeroo mootummaan naannichaa fi humnoonni hidhataa kun hidhata waliin qabanii jalqabe hanga ammaaatti dhiigni uummata qulqulluu uummata Oromoo Booranaa akka galaanaa dhangala’aa jira. Kanaaf Mootummaan gaaffii keenya rakkoo uummatni keenya keessa jiru kanaaf dhiheessine furmaata hin laanne taanaan qabsoon barattoota Oromoo itti fufa. Nuti baratoonni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee dhimma Oromoo Booranaa fi Oromiyaan keessa jirtu irratti ibsa ejjannoo kan armaan gadii kana dhihessinee jirra.

1. Mirgi yaada keenya bilisaan ibsachuu fi sagalee uummata keenya Booranaa ta’uu nuuf haa eegamu.

2. Mootumman humna guddaa fi dirqama nagenya lammiilee tiksu waaan qabuuf, hatattamaan qaamota walitti bu’insa kana keessaa harka qabu to’achuudhaan nageenya lammilee keenya mirkaneessuu qaba.

3. Lolli fi weerarri miliishoota Somaaleen uummata Oromoo Booranaa irratti labsame dhaabbachuu qaba.

4. Daangaan seenaa fi seeraan Oromiyaa fi naannoo Booranaa guutummaatti kabajamuu qaba.

5. Ajjeechaan suukkanneessaan ilmaan Oromoo Booranaa irraa hatattamaan haa dhaabbatu.

6. Mootummaan rakkoo daangaa Oromiyaa fi Naannoo Soomaalee keessa jiru karaa nagaan furuuf kutannoo dhugaa haa agarsiisu.

7. Mirgi lubbuun jiraachuu fi nageenyi uummata Oromoo Booranaa daangaa irratti kabajamuu qaba.

8. Mootummaan kallattii daangan oromiyaa yeroo mara cabuun xiyyeeffanoon tiksu qaba.

9. Gaaffiin daangaa fi nageenya Oromoo deebifamuu dhabuun lafa irra harkifachaa as ga’e nuuf deebi’uu qaba.

10. Mootummaan rakkoo dangaa naannoo oromiyaa fi kanneen biroos karaa nagaa fi mirgaa lammiiwwani hin sarbiineen hatattaaman furuu qaba.

Galatooma!
Ibsa Ejjannoo Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee Irraa Kenname.

Finfinne, Oromia, Itiyoophiyaa
Onkoloolessa 15/2019

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *