Wallaggaa Lixaa Ganjiitti Waraanni Bilxginnaa Maanguddoo ganna 90 dabalatee nama 2 yoo ajjeesu Mana Uummataa hedduu Gube

.

(SQ-Bitootessa 2,2022)

Gurraandhala 28/2022 Godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjii keessatti Waraanni Bilxginnaa Dargaggoo Surraa Ittafaa Jedhamu rasaasa itti roobsanii ajjeesuu maddeen keenya nuuf himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti Surraan Daandii irra osoo inni deemuu Waraanni humna adda Oromiyaa jedhaman itti dhufuun ati shanee wajjin hidhata qabda jechuun rasaasaan ajjeesan jedhu. Garuu Surraan nama siyaasa keessaa qooda hin qabneedha jedhu namoonni isaa beekan.

Haaluma wal fakkaatuun Bitootessa 1/2022 Maanguddoo ganna 90 kan ta’an Obbo Jaafar nama jedhaman ijoolleekeetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuun Baadiyyaa irraa erga qaban booda Gara Magaalaa Ganjii fiduun Marfata irratti bakka uummanni walitti qabamee jirutti rasaasa itti roobsuun ajjeesan jedhu Maddeen SQ.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti Obbo Jaafar bara darbes ijoollee keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuun Waraana Bilxiginnaatiin gidiraa argaa kan turan yoo ta’u, badii tokko malee yeroo dheeraaf hidhamanii ba’uufi Manni isaaniillee Jalaa Gubamee ture jedhu.

Obbo Jaafar nama siyaasa keessa qooda hin qabne yoo ta’an maanguddoo Araaraati, hawaasa keessattis jaallatamummaa guddaa kan qabanidha nama akkasitti salphachuu hin qabnedha jechuun jiraattonni naannoo sanaa miira gaddaan dubbatu.

Kana malees achumaa Aanaa Ganjii keessatti Waraanni Bilxginnaa Manaafi qabeenya namoota hedduu ibiddaan barbadeessan jedhu maddeen keenya.namoonni manni isaanii jala gubatees
Obbo Takiluu moshee
Obbo Girmaa Bultiifi
Obbo Jireenyaa Jiraataa kan jedhaman jalaa manaafi qabeenya Abiddaan yoo barbadeessan Mana Obbo Dhaabaa Bulaa ammoo Cabsanii seenuun Buna Kuntaala 12 saaman.

Waraanni Bilxiginnaa Oromiyaa bakkoota garaa garaatti tajajiila bilbilaafi Interneeta balleessuun gocha duguuggaa Sanyii Oromoo irratti raawwachuu cimsee itti fufee jira

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *