Baha Harargee  bulchiinsa  magaalaa Dirree Dhawaa  keessatti jiraattota irratti manneen  diiguu itti fufan.  

Baha Harargee  bulchiinsa  magaalaa Dirree Dhawaa  keessatti jiraattota irratti manneen  diiguu itti fufan.

Amajjii 25, 2023

Bulchiinsa magaalaa  Dirree Dhawaa gandaa  03 bakka Caat Maayibar jedhamutti murni bilxiginnaa qaamolee nageenya ofiin jedhanii fi caasaa bulchiinsa magaalaa itti bobbaasuun manneen uummataa diigaa oolan.

Guyyaa  kaleessaa Amajjii 24,2023 ganda 03 kana keessatti  tiksitootni sirna nafxanyaa bobbaafaman doozarii mannee fi dallaa uummataatti kaa’uu gaggalagalchaa oolan.

Manneen diigaman keessa manneen jireenyaa fi dukkaanni keessa jira.
Sababa manneen diigaman kanaaf maatiin lafa mataa jala qabatu dhabuun dirree irratti faca’ee jira.
Sababa daandii sirreessinaan pilaanii magaalattii duraan manneen jiranii fi lafa kaartaa fi pilaanii ofii isaaniitii itti kennanii turan deebisanii diigaa turuutti hawaasni magaalichaa gaddeera.

Namootni gocha badii kana hojjechiisuun maatii dirree irratti facaasan Biniyaam, Nibrat garee Satanawuun nama  loojistikiin jabeessu,  Feesal caasaa ganda 03, ajajaa poolisii Mahaammad Hasan akka ta’e barameera.

Kanaan duras bulchiinsi magaalaa  Dirree Dhawaa jiraattota ganda 07 irraa dukkaana isaanii diigee ture.
Ganda 03 kana keessatti qeerroowwan Oromoo gochi mana malee nama hambisuu kun maaliif ta’a jedhanii warreen gaafatan lama guyyuma har’aa qabanii mana hidhaatti darbachuu maddeen magaalaa Dirree Dhawaa nuuti himaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *