Janaraalonni waraanaa Sudaan dhukaasa dhaabuuf qophii akka hin taane UN hime

Aangoo qabachuuf kan walmorkaa jiran janaraalonni waraanaa Sudaan dhukaasa dhaabuun rakkoo karaa nagaan furuuf fedha agarsiisaa hin jiran jedhe UN.
UNtti ergamaan addaa Sudaan Voolkar Paarzis janaraalonni wal-waraanaa jiran lameen dhukaasa dhaabuun rakkoo mudateef fala waaraa karaa nagaan mari’atanii kaa’uuf fedhii hin agarsiifne jechuun Mana Maree nageenyaatti himan.
Ergamaan addaa kun jaarsummaa Ameerikaatiin waliigalteen dhukaasa dhaabuu sa’atii 72’f irra ga’amee ture kutaalee biyyattii hedduu keessatti hojiirra oolaa akka hin jirre ibsan.
Waraanni Sudaan erga eegalee guyyaa 12 ta’e kun, waraana idilee biyyattii janaraal Abdul Fattaa al-Burhaaniin hoogganamuu fi Humna Dafee qaqqabaa- RSF janaraal Mohammad Hamdan Dagaloon durfamu gidduutti gaggeeffamaa jira.
Sababa waaana kanaa hanga ammaatti namoonni 450 ta’an du’aniiru, goolamni waraanni kun Sudaanitti fide egeree biyyattii gaaffii keessa galcheera.
Janaraal Abdul Fattaa fi janaraal Hemeti dhibdee isaan gidduutti mudate karaa nagaan akka furaniif biyyoonni Afrikaa ollaa Sudaan jiran, Liigiin Arabaa fi biyyoonni lixaa irra deddeebiin gaafataa jiru.
Garuu waraanni kun hammaatee itti fufee lammiilee dararaa jira.
Ergamaan addaa UN kun akka jedhutti aanga’oonni waraanaa lameen wal injifachuun aangoo dhuunfachuurratti xiyyeeffatan malee dhibdee jiruuf furmaata kaa’uuf gatii hin kennine.
Amma Sudaanitti kan argaman Voolkar Parvis Wiixata darberraa eegalee sa’atii 72f dhukaasa dhaabuuf yaaliin taasifame walitti bu’iinsi akka xiqqaatu taasisus, Kaartuum fi Omdurman keessatti sagaleen dhukaasaa gurguddaan adda citee hin beeku jedhan.
Haala kanaan hedduu kan yaadda’an biyyoonni lixaa lammiileesaanii Sudaan keessaa baasuu itti fufaniiru.
Lammiileen biyyoota adda addaa 1600 ta’an ammoo dooniitti fe’amanii ba’uun amma Sa’uudii Arabiyaa jiru.
Erga waraanni kun eegalee namoonni hedduun biyyattii gadhiisanii baqataniiru.
UN lammiileen Sudaan biyyasaanii keessaa baqatanii ba’an heddummaachaa jiraachuu ibse.
Daafoo waraana kanaan dhaabbileen fayyaa hedduun barbadaa’aniiru.
Magaalaan Kaartuum wayita dhiphina keessa galtee jirtu kanatti torbee itti aanu keessa haadholiin ulfaa da’umsaaf hospitaala seenuu qaban kuma 24 jiraachuun himameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *