Naannoo Oromiyaa bakkoota adda addaa keessatti jiraattonni naannoo hedduun maqaa “gaachana sirnaa ” ykn eegduu sirnaa jedhuun leenjii waraanaa akka fudhatan dirqisiifamaa” jiraachuun yaaddoo tahee jira.
Leenjiin Gaachana Sirnaa Oromiyaa bakkoota adda addaatti kennamaa jira.
Fakkeenyaaf akka jiraattonni godina Horoo Guduruu wallaggaa jedhanitti, qajeelfamni kun naannicharraa kan dhufe ta’uu ibsuun, namoonni leenjii kanaaf “dirqiin” bobbaafaman namoota caasaa mootummaa godina, aanaa fi ganda keessatti hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Namoonni leenjii kanaaf bobbaafaman irra caalaan isaanii qonnaan bultoota, namoota daldala gaggeessan, warshaalee keessatti hojjetan ta’uu hubachiisaniiru.
Fakkeenyaaf, hojjettoonni kumaatamaan lakkaa’aman warshaa sukkaara Finca’aa godinicha keessatti hojjetan leenjii kana fudhachuuf ”dirqamaniiru” jechuun hojjettoonni warshichaa ni dubbatu.
Jiraattonni SQf akka himanitti, yeroon qonnaa fi hojii qonnaa adda addaa ta’us, qajeelfama gubbaadhaa waan ta’eef “leenjicha fudhachuu qabda” waan jedhamaniif hojii isaanii addaan kutanii dirqamaan leenjii gaachana sirnaa fudhataa jiru jedhan.
Leenjichi bal’inaan Abee Dongoroo ,Abai Chomen, Amuru, Hababo Guduru, Jartee Jardegaa fi magaalaa Shaambuu kan waajjira muummee godinichaa taate keessatti bal’inaan gaggeeffamaa akka jiru jiraattonni eeraniiru.
Godina wallaggaa Bahaatti gandoota baadiyyaa godinichaa leenjii “gaachana Sirnaa” fudhachuun dirqama kan jedhan jiraattonni leenjicha hin fudhanne tajaajila mootummaa adda addaa argachuu akka hin dandeenye ibsaniiru.
Isaan keessaa xaa’oo biyyee fi sanyii gaarii dhorkuu irraa kaasee hanga tajaajiloota mootummaa biroo adda baasuutti hoggantoonni mootummaa ni raawwatu jedhan.
Leenjiin kun bal’inaan kan kennamu ta’uu ibsaniiru, keessumaa aanaalee godina W/Bahaa kanneen akka Saasigaa, Sibuu Siree, Limmuu Haroo fi Ebentuutti hedduminaan leenjii gaachana Sirnaa kennamaa jira.
Itti dabaluunis namoonni leenjii kanaaf bobbaafaman mana isaanii, mana gaddaa, cidha, gabaa, dhaabbilee amantaa fi bakka namoonni baay’inaan itti walitti qabaman irraa kan fudhataman ta’uu ibsaniiru.
Gama biraatiin walgahii waamuun qonnaan bultoonni akka dhufanii xaa’oo fudhatan erga waamee booda, yeroo walitti qabaman humnaan gara bakka leenjiin itti kennamutti akka geeffaman jiraattotni SQf himaniiru .
Qonnaan bulaa osoo qonna hojjachaa jiranii gara naannoo leenjiitti geeffamaa jiraachuu isaanii ibsu
Qonnaan bultoonnis akka jedhanitti, leenjii Gaachana Sirnaa kana miliquun keessattuu halkan mana isaanii keessaa bahanii dhokatanii bakka biraatti buluun akka dabarsaa jiran himan.
Leenjifamtoota biratti maanguddoonni, dadhaboonni, dubartoonni ragaa yaalaa qaban, haadholiin daa’imman dugda irra kaa’anillee leenjicha fudhachuuf akka dirqaman hubachuun dandahameera.
Jiraattonni leenjifamtoota kana keessaa tokko tokko meeshaa waraanaa kan hidhachiifaman yoo ta’u, kanneen hafan ammoo halkan shiftaan akka sakatta’aa akka jedhamanii dararamanis jiraattotni ni himatu .
Harargee Bahaa, Shaggar Kibba Lixaa, Shaggar Kaabaa akkasumas Bulchiinsa Magaalaa Shaggar haaraa ijaarame keessattis magaalota xiqqaa hunda keessatti tarkaanfiin walfakkaataan akka raawwatamu odeeffannoo sagaleen Qeerroo argate irraa hubachuun ni dandahama.
Kaayyoon bu’uuraa leenjii kanaa sirnaafi nageenyi naannoo sanaa eeguu akka ta’e kaabinoonni dubbatanis haalli leenjiin kun itti kennamu garuu fedhii ummataan osoo hin taane dirqamaan hawaasa hunda akka leenjisaa jiran jiraattonni SQf ibsaniiru.
Labsiin “Gaachana Sirnaa” bulchiinsa gandaaf itti gaafatamummaa akka qabu kan ibsu yoo ta’u, miseensonni caasaa nageenyaa kana keessatti hirmaatan umuriin isaanii waggaa 18 hanga 56 gidduutti akka ta’e ibsameera.
Labsichi caasaa nageenyaa keessatti leenjiin koorniyaa giddu galeessa ta’e akka kennamu kan ajaju yoo ta’u, dubartoonni umurii armaan olitti ibsame keessa jiranis leenjicha fudhachuu qabu.
Labsichi miseensonni gaachana Sirnaaf qacaraman ulaagaalee armaan gadii guutuu akka qabanis ni ibsa.
1, Jiraataa naannichaa, afaan hojii naannichaa sirnaan dubbachuu kan danda’u, akka barbaachisummaa isaatti afaanicha dubbisuu fi barreessuu kan danda’u, duudhaa fi aadaa hawaasichaa kan kabaju.
2. Dhaabbata nageenyaa biroo kamiyyuu keessatti tajaajilee hin beeku.
3. Haala fayyaa miseensa Gaachana Sirnaa ta’ee akka hin tajaajille isa dhorku hin qabu.
4. Kanaan dura galmee yakkaa kan hin qabnee fi araada qoricha sammuu namaa hadoochu bifa kamiinuu irraa bilisa kan tahe.
Akka labsii kanaan leenjiin waraanaa Gaachana Sirnaa poolisii naannichaa fi caasaalee nageenyaa mootummaa naannichaa birootiin ni kennama.
Meeshaa waraanaa ilaalchisee, leenjifamtoonni Gaachana Sirnaa filataman mootummaa naannootiin hidhachuu akka danda’an ykn leenjifamaan ofii isaatii hayyama seeraa yoo qabaate hidhachuu akka danda’an labsicha keessatti tumameera.
Labsiin kun caasaa Mana Maree Nageenyaa sadarkaa hundatti kan hammate yoo ta’u, naannicharraa eegalee raawwii hojii fi sochii gaachana Sirnaa kan to’atudha.
Bu’uura kanaan Manni Maree Naannoo Oromiyaa (Closed Oromia) Labsii Caasaa Nageenyaa gaachana Sirnaa walgahii idilee Sadaasa 13, 2014 gaggeesseen sagalee guutuun raggaasisuun hojiitti galeera jedha.