Itiyoophiyaa keessatti rakkoo guddaan rakkoo hoggansaati jedhan prof Mararaa Guddinaa

“Rakkoon Itoophiyaa guddaan rakkoo hooggansa siyaasaati “jedhan. Prof Mararaa Guddinaa !

Hayyuu siyaasaa fi dura taa’aan Kongiransii Federaalawa Oromoo Pirofeesar Maraaraa Guddinnaa marii hawaasa Oromoo Amerikaa jiraatan wajjiin taasisan irratti haasaa taasisaniin “Itoophiyaan rakkoolee gurguddaan raafamaa jirtus inni guddaan garuu rakkoo hoggansaati jedhan.

Rakkoolee Itoophiyaan ittiin qoramaa jirtu kan jedhan prof Mararaan Hooggansi biyya bulchaa jiru rakkoo siyaasaa, rakkoo bulchiinsaa, rakkoo diinagdee fi kanneen biroo tasgabbiin ilaalee isa darbe, isa har’aa fi kan boruu laalee hoogganuu dhabuun rakkoo biyyatti keessatti akka hammeesse kaasan.

Sababa kanaan waraana biyyatti keessatti uumameen qabeenyi guddan maca’ee namoonni miliyoona tokko ol dhumuu kaasuun har’as dhumaatiin ummata irraa hin dhaabbannee jedhan.

Itoophiyaa keessatti qormaata ummattoota biyyatti ta’e rakkoo Nagaa tahuu eeruun biyya ummata Miliyoonaa 120 ol qabdu namni gahumsaan bulchu dhabamuudha jedhan.

Mootummaan Biltsiginnaa dandeetti biyya san ittiin geggeessuu danda’u Diinagdee biyya sanaa ittiin fooyyessuu danda’u fi nageenya biyyatti keessatti ittiin buusuu danda’an hin qaban jechuun himan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *