Jaal Battee erga ajjeesanii Maqii fi Naannoo ishee tti Network balleessan

Jaal Battee ajjeesanii #Network balleessan!

Ajjeefamuun jaal Battee Urgeessaa akkuma dhagahameen #Networkiin magaalaa Maqii fi Naannoo ishee irraa guutummaatti badee jira.

Haala naannoo Maqii jiruu fi haala ajjeechaa jaal Battee irratti odeessaaleen argachuuf taasisne sababa network magaalaa Maqii hin jirreef beekuun hin dandahamne.

Jaal Battee Humni waraanaa halkan Ebla 9/2024 bakka ciisicha isaatii baasanii ajjeesanii adababayii magaalaa Maqii irratti gatanii reeffi ganama argamuun beekameera.

Ajjeechaa Jaal Battee duuba #Koree Nageenyaa jedhamuun ajjeechaa Oromiyaa keessatti warreen raawwataa jiran kan Abiyyi Ahimediin hundeeffamee Shimallis Abdiisaan hogganamu tahuu maddeen gabaasaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *