Meeshaaleen Waraanaa tohannaa tokko malee karaa Somaaliyaa Gaanfa Afrikaa seenaa jira jechuun Itiyoophiyaan yaaddahuu himatte.
Gocha mootummaan Somaaliyaa yeroo garagaraatti himannaa dharaa dhiyeessuun itti jiruufi meeshaaleen waraanaa to’annaa tokko malee karaa daangaa biyyattiin Gaanfa Afrikaa seenaa jiru akkaan ishee yaaddessuu Itoophiyaan beeksifte.
Itoophiyaan dubbii barbaacha Somaaliyaafi daddabarsa meeshaa waraanaa daangaa biyyattiin yaadda’uu Ibsachuun Dhiiga ummanni biyyoota lamaanii wal keessaa qabaniifi walitti dhufeenya aadaafi seenaa dheeraa gidduusaani jiruuf, akkumasuma ejjennoo cimaa walabumma qaxanichaa kabajamuu akka qabuuf qabduuf jecha Itoophiyaan himannaa sobaa mootummaa Somaaliyaa kanaaf deebii osoo hin kenniin turuu filatteetti jechuun dubbii himaan Ministeera Biyya alaa Itiyoophiyaa dubbachuun Kana malees, meeshaaleen waraanaa xixiqqan seeraan ala karaa daangaa Somaaliyaatiin to’annoo tokko malee Gaanfa Afrikaa seenaa jiran baayyee yaaddessaa ta’uu ibsi Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa eereera.
Somaaliilaand torban darbe ibsa baasteen, mootummaan Somaaliyaa meeshaa waraanaa seeraan ala daddarbuufi kuusaa biyya keessaa qabdullee to’achuu waan hin dandeenyeef naannichaaf yaaddoo uumaa jira jechuun himattee ture.
Ministirri Dhimma Alaa bulchiinsa Somaalilaand ibsa baasen baatii sadan darban qofa hidhattoonni al-Shabaab ”meeshaa waraanaa guddaa jedhamu’’ giddugala Somaaliyaa keessatti humnoota mootummaarraa fudhachuu eeraa jira.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomani uggura meeshaa waraanaa Somaaliyaarratti kaa’e ture waggoota dheeraa booda barana kaaseera.
Itoophiyaan Somaalilaand buufata humna waraanaa galaanarraa itti ijaarrattu bifa kiraatiin argachuuf, bakkasaa ammoo Somaalilaandiif beekkamtii dippilomaasii kennuuf waliigaltee wal hubannoo waliin mallatteessuusaanii hordofee Muddama dippilomasii Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu jiru hammaachaa kan dhufedha.
Waliigaltee Itoophiyaafi Somaalilaand kanaan kan dheekkamte Somaaliyaan dhimmicha hanga Mana-Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti geessun Itoophiyaa himattee turte.