Koree Qindeessituu Mootummaa Ceehumsaa Biyyalessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN marsaa 4ffaaf har’a Mana murtii waliigala Oromiyaatti dhiyaatan.
(SQ-Caamsaa 3,2022)
Koreen qindeesituu mootummaa Ceehumsaaaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN ji’oota shan booda manan murtiitti kan dhihaatan yoo ta’u. yeroo darbe marsaa sadaffaaf dhihaatanii har’a Caamsaa 3,2022tti beellamni qabamuun gabaasun keenya ni yaadatama.
Akkuma beellama qabameen har’a caamsaa 3/2022 Koreen Qindeesituu Mootummaa Cehumsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa Marsaa 4ffaaf dhihaatanii mormii sadarkaa duraaf bellamni kennamuus ammaas yeroo itti anuuf gaafa 12/ 5/2022 (4/9/ 2014 ALH manni murtii bellama qabe jira.jaallan kunneenis Mana sirreessa Daalattiitti deebifamanii jiraachuu odeeffanneerra.
Jaallan koreen Qindeessituun Mootummaa Ce’umsa Biyyoolessa Oromiyaa kunneen
1)Qaasiim Abdulaahii Abbaa Waarii
2) Seefuu (J Gabbisaa Lammii Fayyisaa) Abbaa Tamaam
3)Mahaammad Waadoo
4) Lammii Tasfaayee Baraartii
5)Kaliifaa (Gammachiis) Abdulfattaa Abduraahim
6) Mahammad Isaa Yeesuuf
7)Toofiiq Amaan Roobaa
8) Adiinaan Yoolsuuf Abdoo
9) Najaash Mahammad Amiin
10) Usmaan Adaam Ahimad
11) Daraaraa(Tarreekumaa Asaffaa Baacaa)
12) Callaa Usmaa’eel
13) Mahaammad Ahimad Mahaammad
14) Dachaasaa Wiirtuu
15) Kadiir Sayiid Jiiloo kanneen jedhaman oggaa ta’an Gaazzexeessitoonni ONN Galmee kana jalatti himataman ammoo
1) Dassuu Duulaa fi
2) Biqilaa Amanuu Abbaa shoomaati.