Giddu Gala fi Kibbaa Oromiyaatti daa’immaan abbaa isaaniitu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhamun Waraana mootumma Bilxiginnaan ukkaamfamaa jiru.

Giddu Gala fi Kibbaa Oromiyaatti daa’immaan abbaa isaaniitu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhamun Waraana mootumma Bilxiginnaan ukkaamfamaa jiru.

(SQ-Waxabajjii 11,2022)

humnootiin Bilxiginnaa Waraana Bilisummaa Oromoo lolan dadhaban maatii hiraarsaa jiru.Daa’imman xixiqqoo ukkaamsanii fudhachuun daa’imman hedduun asbuuteen isaanii dhabamaa jira jedhu maddeen .

Haaluma kanaan Godina Shawaa Lixaa aanaa Baakkoo Tibbee Ganda Kaarruu Warra Roobaa bakka Hagaloo jedhamutti daa’imni uumrii 4 Jireenyaa Mulugeetaa Camadaa jedhamu humnoota mootummaa Bilxiginnaan fudhatamee jiraachu maddeen SQtti himan.

Abbaan kee miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo,ti jedhamee daa’imni kun ukkaamfamee kan jedhan maddi keenya waraanni Bilxiginnaa safuu fi seera biyyatti cabsun daa’ima kana hidhe jedhu.

Daa’imni kun erga manaa maatii isaa waraana mootummaa Bilxiginnaatiin fudhatamee dhabamsifamee baatiiwwan lakkaa’ameeras jedhu.

Odumaa wakfakkaatuun Kibbaa Oromiyaa godina Gujii aanaa Gooroo Doolaattis daa’imti uumrii 5 Biiftuu Jamaal Birbirsaa jedhamtu tibba kana waraana Bilxiginnaan ukkaamfamtee fudhatamuu maddeen SQtti himan.

Oromiyaa guutuu keessatti waraanni Bilxiginnaa uummata Oromoo dararuu cimsee itti fufeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *