Hariiroo waloo keenyaa fi Wahillan Qabsoo keenyaa gidduu jiraatu hariiroo siyaasaa nama hawwatu tahuu qaba.

Hariiroo waloo keenyaa fi Wahillan Qabsoo keenyaa gidduu jiraatu hariiroo siyaasaa nama hawwatu tahuu qaba.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kenname!

Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhimmoota haala yeroo irratti Bitootessa 16/2025 rakkoo Oromiyaa keessa jiru irrattii fi furmaata waaraa tahuu kan qabu jedhu irratti marii gaggeessee jira.

Sochiin Dargaggoota Biyyoolessaa, Bilisummaa fi Dimokiraasii (Qeerroon Bilisummaa Oromoo)haala yeroo irratti marii gaggeesseen rakkoon Oromiyaa keessaa fala argachuu akka qabuu dirqama daraggootni raawwachuu qaban irratti marii bu’aa qabeessa gaggeessanii jiru.

Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo marii fi wal hubannaa waliif qoodeen rakkoon siyaasaa fi bulchinsaa Oromiyaa keessaa maayiif furmaata akka argatuuf maaltu akka tahuu qabu irratti yaada wal jijjiiranii mariiyataniiru.

Marii jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaggeessan keessaa inni ijoon tokko maddi Rakkoo Oromiyaa keessa jiru inni bu’uuraa Dhugaan dhabamuu yoo tahu bakka dhugaan hin jirrettis haqni dhibeera jedhan.
Akkaataan Impaayerri Itiyoophiyaa itti ijaaramte calqabuma rakkoo kan qabuu fi kan sirna dhugaa ukkaamsee murna aangoo irra jiru tiksuuf ijaarame waan taheef rakkoo siyaasaati kan jedhan hirmaattotni Jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo kunneen Oromoon immoo Ijaarsa tokkoome dhabuu fi akkaataan teessuma lafaa (dachee)Oromiyaas warra sirna Impaayera Itiyoophiyaa tiksuuf mijataa tahuun isaas dhibdee tokko tahuu akeekaniiru.

Ijaaramni Impaayera Itiyoophiyaa Oromiyaa irratti tahuu kwal hubachiisuun ,gaafa Oromoon Aangoo siyaasaa qabatee sirna Oromoo fi Oromiyaa tiksu ijaarrate impaayerri har’a lafee Oromootaa irratti ijaaramte sun ni dhabamti jedhan.

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti sabni akka Oromoo guddaa tahee hacuucamee eenyummaa isaa dagatee kan ormaa akka fudhatu taasifamee, haqni seenaa dhugaa Oromoon qabu dabee dabaan (shiraan) ummatni Oromoo dhugaa isaa dhabee eenyummaa biroo akka dirqamaan fudhatu taasifamuun madda rakkoo hanga har’aa fala dhabe tahuu wal hubachiisuun akkaataa itti Ummatni keenya dhugaa isaan haqa argachuu qabu irratti dargaggootni gahee isaan irraa eegamu bahachuu akka qabanis waliif dhaamuun akka irratti hojjetanis waliin dubbataniiru.

Itti dabaluunis Dhugaan dhibuun haqni akka hin jiraanne taasiseera kan jedhan hirmaattotni kunneen bakka dhugaan hin jirretti nagaan hin jiru haqnis hojiirra ooluu dadhabes jedhan.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Akeekaa fi kaayyoo ABO qabatee heeraa fi seera ABOn masakamee qabsoo Abbaa biyyummaa ummatni Oromoo gaggeessu ofitti fudhatee Oromoon Aangoo siyaasaa akka qabaatuu fi garaagarummaa ilaalcha siyaasaa, Amantiin diinni qabsoo Oromoo laamshessu dhabamsiisee Oromoon Oromummaa isaan akka ijaaramee biyya isaa irratti dhugaa isaa fi haqa isaa gonfatu taasisuu qabna jedhaniiru.

Oromoon dhugaa isaatti deebi’uuf sirna Gadaan buluu fi sirna Gadaa dhugaa tahe kan ergama paartii ykn qaama kamiyyuu irraa walaba tahe lafa qabsiisuun nurra jiraata kan jedhan bakka buutotni Qeerroon Bilisummaa Oromoo kunneen Oromoo sirna mataa isaa yoo ijaarrate ilaalcha siyaasaa adda addaa qabaatan illee dhababileen siyaasaa dhimma Oromoo irratti waloon mariiyachuun waliif galuu akka qabanis akeekaniiru.

Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo ijaarsa biyyaa keessatti qooda isaa bahachuu akka qabu eeruun dhimmi biyya dhimma keenya waan taheef sarbama mirga namoomaa Oromiyaa keessatti raawwatamu waloon dura dhaabbachuun daddaaqamaa fi raafama siyaasaa mooraa qabsoo Oromoo keessa jiru akka fala argatuuf mariin itti fufinsaan akka gaggeeffamuu qabuu fi wal hubannaan deemamuu qabas jedhaniiru.

Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo kun Dargaggootni miidhaa fi bu’aa miidiyaan hawaasaa qabu adda baafatee beekuun gaarummaaf akka itti fayyadamuu akka qaban,akkasumas waan amantii fi gandummaan miidiyaaleen afarsan dura dhaabbachuun akka gocha isaanii irraa of qusatanii dhimma bu’aa qabu irratti dhimma bahuuf akka fayyadamuu qabais hubannoo waliif qoodaniiru.

Dhuma irrattis Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo kora waliinii ABO fi KFOn bakka buutota qaamota hawaasaa adda addaa waliin Guraandhala 19-22/2025 taasisan kan tumsanii fi milkaayina isaafis irratti hojjechuu akka qaban waadaa seenanii jiru.
Nagaa fi tasgabbiin waaraan Oromiyaa keessatti akka dhugoomuuf Mootummaan Ceehumsaa waloo hanga mootummaan ummataa ;Ummataan filame ijaaramutti qaamoleen hundi keessaa qooda isaanii fudhatanii akka dhugoomuufis Ummatni Oromoo hundi irratti hojjechuu akka qabu eeruun qaamolee mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessa harka galfachuun dantaa ofiif jecha, akkasumas ilaalcha kiyyumatu sirrii jedhuun keessaa fi alaan tokkummaan Oromoo akka hin jiraanne gochaa jiran yaada diigumsaa kanarraa akka of-qusatan dhaammataniiru.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 17/2025
Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *