Ibsa Damee Dubartootaa fi Daa’immanent Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Irraa kenname.


Ibsa Damee Dubartootaa fi Daa’immanent Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Irraa kenname.
Waxabajjii 05,2022.

====================================

Ummatni Oromoo guyyaa Bilissummaa isaa sarbamee irraa eegalee bulchiinsa halagaa humnaan irratti fe’ame jalaa bahuuf qabsoo bifa garaa garaan taasisaa tureera. Keessattuu erga Jaarmiyaa Adda Bilissummaa Oromoo (ABO) jalatti hiriiree bilissummaa fi mirga abbaa biyyuummaa isaa gonfachuuf ,qabsoo bifa garaa garaan taasisaa tureera . Qabsoo hadhawaa taasiseenis wareegama beekumsa , qabeenyaa fi lubbuu baaseen ummata Oromoo fi Oromiyaa dhabama irraa oolchuun injifannoo cululuqaa galmeessera.

Qabsoo Bilissummaa Oromoo ABOn hogganamu keessatti qoodni dubartoota Oromoo qabaachaa turan fi har’as kennaa jiran guddaa dha .Wareegama qaalii akka baasanis seenaan ragaa dha.

Rakkoolee walxaxaa ummatni Oromoo yeroo ammaa keessatti argamu irra aanuuf hirmaannaa dubartootaa daran guddisuuf fardii tahuu isaa Addi Bilissummaa ( ABO) ni amana. Kana milkeessuuf Dameen Dubartootaa fi Daa’immanii (DDD_ ABO) ciminaan hojjachaa akka jiru beekamaa dha.

Dameen Dubartootaa Daa’immanii Adda Bilissummaa Oromoo (DDD _ABO) Dhaabbilee siyaasaa mirga dubartootni siyaasa , diinagdee, fi hawasummaa keessatti qaban akka kabajamu hojjatanii fi bilissummaa uumatootaaf qabsa’an waliin kan hojjataa ture fi gara fuulduraattis feedhii waliin hojjachuu akka qabnuus beekamaa dha.

Kun osoo kanaan jiru maqaa miseensota dubartoota Paartilee Siyaasaa Ithiyoophiyaa keessa jiran jedhuun haala yeroo ammaa empiyeerri kun kessa jirtu ilaalchisee ibsi kennamaa jira.

Ibsa kana kessattii qabxiilee ka’an guutummatti mormuu baanuyyuu nuyi akka Damee Dubartootaa fi Daa’imman (DDD ) beekamtii fi hirmaannaa keenyaan ala ibsa bahe dha . Akkasumas Paartillee Siyaasaa hundi keessatti hirmaachuu qabu ture jannee amanna .

Gumiin Dubartootaa maqaa Paartilee Siyaasaa Paartilee muraasaan qofa ijaaramee jiru kun ,akka bakka bu’ootni dubartootaa paartilee hundaa hirmaatanitti ibsi baasuun chaappaa seeraan alaa fayyaadamaniiru. Waanti akkasi immoo adaa wal amantee dhabuu fi waliin hojjachuu paartilee gidduutti ni uuma jannee ammana waan taheef, hogganni hojii gaggessaa (tuu) Dubartootaa Partiilee Siyaasaa Chappaa fi Logoo Hojii Gaggeessaa (tu) Dubartoota Paartilee Siyaasaa seeraa fi Sirna ala itti bahamuu akka hin jiraanne fuulduraaf tohannoo isaa jabeessuu qaba jennee amanna.

Injiffannoon Ummata Bal’aaf!

Damee Dhimma Dubartootaa fi Da’imanii ABO
Waxabajjii ,05,2022.
Finfinnee Oromiyaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *