Siyaasa shiraafi dabaa baramaa ta’e keessaa osoo hin bahin furmaanni waaraafi itti fufiinsa qabu dhufuu hin danda’u jechuun Kokasiin Paartilee Mormituu marii Komshiniin Marii Biyyoolessaa Itoophiyaa qopheesserratti akka hin hirmaanne beeksise.
Kokasiin ibsa kaleessa, BItootessa 15, 2024, baaseen yoo ta’u, Komishiniin Marii Biyyoolessaa siyaasa shiraafi dabaa irraa bilisa miti jechuun komate.
Komishiniin Marii Biyyolessaa Itoophiyaa “dhimmoota bu’uuraa biyyoolessaa” ta’an irratti mariyachuu eegalciisuuf sagantaa marii har’a, Bitootessa 16, 2024 qabatee paartileefi waamicha godhus garuu Kokasiin Paartilee Mormituu hirmaachuu hin danda’u jedhe.
Sochii Komishinichaa ilaalchisee mormiifi yaada qabu yeroo garaa garaatti dhiyeessuufi deebii gahaa argachuu dhabuu kan ibsu Kokasiin Paartilee Mormituu kun, Komishinii Marii Biyyooleessaatuu fedhii paartii biyya bulchuu bu’uura godhachuun akka hundaa’e ibsa.
“Labsiin 1265/2014 Komishinicha akka hundaa’uuf sababa ta’e yeroo ragga’u hirmaachisaa kan hin taane, addumatti ammoo galtee Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaan kenname osoo hin hammatin fedhii paartii biyya bulchuu irratti hundaa’un kan ragga’e,” jechuun filannoon komishinarootas akkaataa dambichaatiin akka hin raawwatamne kaasa ibsi kun.
“Komishinichi gaaffiilee nuti kaafneefi akeekkachiisawwan kennineef xiyyeeffannoo kennee deebii quubsaafi amansiisaa kennuurra, siyaasa biyya keenyaa keessatti karaa baramaa ta’een gaaffilee ka’an irra dibanii ukkaamsanii darbuun fedhii paartii biyya bulchuu/mootummaa raawwachiisuu bira darbee gaaffilee keenya ukkaamsuufi Kokasii gidduutti qoodinsa uumuuf sochii taasisuusaa hubachuu dandeenyerra,” jedha ibsi kun.
Ejjennoo Kokasiin fudhate kan KFOfi ABO godhanii dhiyeessun haa dhaabbatu’ jedheera.
Kana kan jedhe kokasiin Dhiyeenya kana Komishinara Itti aantuu Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa kan ta’an Dr Hiruut Gabrasillaasee paartilee galmaahanii jiran 63 ta’an keessaa 40 ol waliin hojjachaa akka jiran himuun, paartilee ABOfi KFO addatti kaasun “nu waliin hojjataa hin jiran” jechuun miidiyaa biyya keessatti dubbatanii turan.
Tokkummaan dhaabota siyaasaa KFO fi ABO dabalatee dhaabota16 of keessa qabu ji’oota dura adeemsichi qaama walabaan hogganamaa hin jiru, adeemsi isaas galma barbaadameen nu hin gahuu jechuun waliin akka hin hojjenne ibsanii ture.
Hiruut Gabrasillaasee af-gaaffii addatti miidiyaa dijitaalaa Itiyoo Ripporteer jedhamu waliin gaggeessan irratti, dhaabota siyaasaa 60 galmaahanii jiran keessaa gara 43 kan ta’an isaan waliin hojjechaa turanitti dabalataan dhaabbileen siyaasaa biroon adeemsicharraa shakkii qaban itti makamuu himan.
”Nuti isaan dhiibnee osoo hin taane hojii keenya ilaalanii nutti dabalamaa jiru.”
”Wantin sirriitti beeku, KFO fi ABOn nu waliin hojjecha hin jiran” jedhanii tire.
Dubbii Komishinara Itti aantuu Komishinichaa dubbatan kana Kokasicha gidduutti garaa garummaa uumuuf shira godhamuu ta’uu kaase Kokasichi ibsa isaa keessatti.
“Komishinarri Itti aantuu Komishinichaa ejjannoo waloo miseensonni Kokasii irra, gahan kana kan miseensota lamaa- ABOfi KFO-godhanii dhiyeessunsaanii, akkasumas Komishinichi gaaffileefi akeekkachisa nuti laanneef deebii barbaachuu dhiisee paartileen sadii keessaa bahuu wal-tajjii hundarratti akka injifannootti irra deeddebin kaasuusaa hubanneera,” jedha.
Mariin Komishiniin Marii Biyyoolessaa mata-duree “Dhimmoota Bu’uuraa Biyyoleessarratti Marii Gaggeessuu” jedhuun waame kana “maqaa malee hiika hin qabu” jechuun Itoophiyaa keessatti nagaafi tasgabbiin itti fufiinsa qabu akka jiraatuuf mariin biyyaalessaa dhugaa, hunda hirmaachise, amanamaa ta’e akka jiraatuuf Kokasiin Paartilee Mormituu ibsa baasen waamicha dhiyeesseera.