Humnootii tikaa Mootummaa Itiyoophiyaa dargaggoo Biiqqaa Mohammed mana Jireenyaa Maatii isaatii baatii tokko dura ukkaamsan Hanga ammaa bakka jiru hin beekamne.
Dargaggoo Biqqaa Mohammed Adoolessa 17,2023 godina arsii lixaa magaala shaashamanne bakka jiraatu mana isaatii ukkaamsanii kan fuudhan baatii tokkoof Maatii fi firoottan Isaa bakka jiru dhabuun hanga gabaasa kana qindeessinutti bakki geeffame hin beekamne.
Humnootiin tikaa Mootummaa ammaan duras dargaggoo Biqqaa Mohammed waggaa tokkoof qabanii ukkaamsuun manneen hidhaa garaagaraa keessatti dararaa turuu isaanii gabaasaan Maatii isaa irraa arganne ni mul’isa.
Dargaggoo Biqqaa Mohammed miseensa Adda Bilisummaa Oromoo(ABO)ti jechuun sababa tokko malee humnootiin tikaa hordoffii fi doorsisa irraan gahaa erga turanii booda Adoolessa 17/2023 mana Jireenyaa isaa keessaa ukkaamsuun bakka itti hidhan hanga ammaatti hin beekamiin jira.
Dargaggoo Biqqaa Mohaammed erga ukkaamsamee baatii tokko tahullee hanga ammaatti bakka jiru hin beekamiin jira jedhame.