Waa malee manni hin aaru”

Waa malee manni hin aaru”

Engineer Jamaal Ganamoo 💪🏻

Dhaloonni har’aa kun, sabni Oromoo bara dheeraaf,
qaroomina guddaa horatee, tikfachaa har’a gahuu isaa mammaaksa, hibboo fi jechoota afaan Oromoo irraa barachuu fi hubachuu ni danda’a jedheen yaada.

Keessattuu, har’a, bara addunyaan beekkomsaan wal-dorgommii guddaa keessa jirtu kana keessatti, dhaloonni haarofni seenaa saba ofii, seenaa abbootii ofii, seenaa akaakayyoota ofii, seenaa ababayyooya ofii hin beeku taanaan, waan if-tuffatuuf, surrriin isaa akkuma laayyotti alagaan booji’amuu dandeetti.

Haalli akkasii kun, surri-yaadduun dhaloota haarawaa ol-aantummaa alagaa fudhachuudhaan, fedhii ofiitiin akka alagaaf gabroomu haala mijeessa.

Dhaloonni beekkomsaa fi hujii abbootii ofii tuffatu, waan of-tuffatuuf, yaada, ilaalcha, beekkomsa, adeemsaa fi kaayoo sabaa ofii irraa jallschuudhaan, yaada, ilaalcha, beekkomsa, adeemsaa fi kaayoo alagaa jalatti jalbiiffata.

Haalli akkasii kun, hawaasa keenna keessattis hedduu mul’ataa jira.

Imaan abbootiin isaanii arjummaan beekaman, hayyummaan beekaman, gootummaan beekkaman, har’a, faallaa kaayoo abbootii isaanii yoo deeman argaa jirra. Kaayoo abbootiin isaanii wareegamaniif tuffachuu, hujii fi kaayoo abbootii ofii xiqqeessuu fi arrabsuudhaan, faallaa sanii, kaayoo diinaa jalatti jilbiiffachuu isaanii argaa jirra.

Yaada, ilaalcha, kaayoo fi Adeemsa diinaa ka abbootiin isaanii irratti qabsaayaa turan faallaa deemuudhaan, yaada, ilaalchaa, kaayoo fi adeemsa diinaa yoo dhaadhessan argaa jirra.

Hegereen hawaasa tokkoo dhaloota haarawa irratti itkatti waan ta’eef,
surriin dhaloota haarawaa yaada diinaa jalatti yoo kufte, hawaasni sun hegeree hin qabu. Wal-falmiin, wal-mormii fi wal-dhabbiin hawaasa keessatti daangaa malee waan heddummaatuuf, hawaasichi ijaaramuu hin danda’u. Wal-shakkii fi wal-jibbaan hawaasa keessatti waan babal’attuuf, rakkoon hawaasichaa yaroo irraa gara yarootti hammaataa deemti. Gamtaan waa hojjachuun ni dadhabama. There shall be ineffective “collective action”. Gamtaan waa hojjachuu dadhabuun ammoo, kan dur caalaayyuu uf-tuffii hawaasichaa dhala (uuma). Namoonni duraan yaada, ilaalcha, adeemsaa fi kaayoo diinaa irratti qabsaayaa turan illee, akkaataa hawaasichi itti uf-ilaaluu fi wal-ilaalu , irraa abdii kutachaa dhimma hawaasaa keessatti himaachuu dhiisuun isaanii ni mala. Kun ta’uunis, rakkoo hawaasichaa itti-dabala malee, hin dhirdhidu. Kufaatii tokko irratti kufaatiin biraa akka dabalamtu taasisa. The cascading effect of failure after failure after (the vicious cycle of failures), can cause a completely devastating societal collapse. Akkas ta’uun hawaachisaa, injifannoo ol-aanaa fi dhaabbata diinaaf ta’a. The ultimate result becomes, the supremacy and permanent victory of the adversary. That can directly becomes one permanent defeat – causing an enduring inferiority in the psyche of the society – for generations.

Haalli nuti har’a keessa jirru kun’llee akkanumaan ta’aa hin jiru. “Waa malee manni hin aaru” akkuma jedhan san!

Rakkoon nuti har’a keessa jirru kun, waayee keenna (dhaloota har’a lubbuun jiru), waan nutti himu qaba.

Kaleessa diinni keenna qawweedhaanuu kaayoo isaa hujii irra oolchuu hin dandeenne. Har’a garuu, nu, ilmaan Oromoottu diina keennaa bakka bu’ee, kaayoo diinaa hujii irra oolchaa jira. Nutu, kaayoo abbootii keennaa ganee, kaayoo diinaa fiixa baasuu irratti wal-falmaa jira. Nutu, kaayoo abbootii keennaa irraa jallatee, kaayoo diinaa dhaadhessaa jira. Nutu, kaayoo abbootii keennaa xiqqeessee kaayoo diinaa hafarsaa jira. Nutu, hujii abbootii keennaa arrabsee hujii diinaa faarsaa jira. Nutu, surriin booji’amee qaamaa fi qalbiin keeyoo diinaa jalatti jilbbiifataa jira. Kanaaf, diina keennarraa haasayuu dadhabne. Kanaaf, halkanii guyyaa walirraa haasofna. Garigariin keenna, diina keenna bakka buunee haasofna waan ta’eef walii galuu dadhabne.
Kanaaf, wanti nu haasofnu fi hojjannuu, injifannoo diinaa dhiyeessuu fi cimsu malee, injifannoo Oromoo dhiyeessuu fi cimsuu hanqate. Akka nuti haala kana keessaa hin baanees, halkanii guyyaa nurratti hojjatama. Nuti garuu, kaayoo abbootiin keenna miliyoonaan wareegamaniif sammuu dhaloota hegeree keessaa dhabamsiisuuf wal-dorgomuu malee, kaayoo eennuu fiixa baasuuf akka wal-dorgomaa jirruu of hin gaafannu.

Mee nu martuu, of haa gaaffannu.
Yaadaa fi ilaalchi nuti hawaasa keenna keessa facaasaa jirru, kaayoo abaabayyoota, kaayoo akaakayyootaa, kaayoo abbootaa fi haawwoya keenna calaqqisa moo, kaayoo Minilik fi hordooftoota isaa calaqqisa?

Wanti nu haasofnu fi hojjannu, kaayoo abaabbayyoota, akaakkayyoota, abbootaa fi haawwota keenna gadi fageessee jajjabeessa moo, faallaa sanii hiddaan buqqisa? What are we really doing? Why do we do what we are doing? Is what we are a sign of permanent defeat, or victory? Of haa gaafannu. Harka walii dhawaa gugachuu dura, “garam, maaliif gugachaa jirra ?” jennee of haa gaafannu.

Haalli nuti keessa jirru kun, ufumaan ta’aa hin jiru. Ilma namaattu akka inni ta’u taasisaa jira. Haala keessa jirru kana keessatti, gumaachi keenna maal akka ta’e of haa gaafannu. Ummanni waggaa 4 keessatti jijjiirama fiduu danda’e, waggaa 8 keessatti jijjiirama fiduu hin dadhabu. Waa malee, manni hin aaru. Mana Oromoo ka aaraa jiru (ka gubataa jiru) kana keessatti, ibidda guddaa eennutu harkaa qaba? Of haa gaafannu. Namni ibidda guddaa harkaa qabu, lafa guddaa, nama guddaa, mana guddaa gubaa jiraachuu isaa quba haa qabaatu.
Nu martuu wal haa yaafachiifnu. Mana Oromoo gubuun, diinaaf yoo ta’e malee, Oromoof injifannoo hin fidu.

Kaayoo Oromoo miliuoonaan wareegameef maqaa balleessuun, kaayoo diinaa milkeessuu yoo ta’e malee, Oromoo hin molkeessu!

Faannoo qusachaa, TPLF qusachaa, EPLF qusachaa, ABO abaaruu, WBO abaaruuf Oromoof furmaata hin fidu.

Kaayoo gootonni Oromoo miliyoonaan wareegamaniif xiqqeessuun, xureessuun, busheessuun, Oromoof furmaata hin fidu.

ABO abaaraa, Faannoo faarsuun injifannoo Oromoo hin dhiyeessu.

ABO abaaraa, TPLF faarsuun, Tokkummaa Oromoo hin cimsu!

ABO abaaraa, Tsimdoo faarsuun, sabboonimmaa Oromoo hin dagaagsu!

ABO abaaraa, EPLF firoomfachuun, Oromiyummaa hin cimsu!

ABO abaaraa, alagaaf tumsuun Oromoof furmaata hin fidu.

Of gaafadhaa! Of haa gaafannu!

Manni keenna kun, waa malee hin aaru!
Manni keenna kun, waa malee gubataa hin jiru.

Namni ibidda guddaa qabatee deemu akka nurraa dhaamsu, nu martuu haa iyyannu! Nu martuu haa birmannu!

Of wallaalee, wal wallaalee, waan diinarraa baranneen wal fixaa jirra!

Of haa barru!
Of haa baraarru!

https://t.me/hordofaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *