Haleellaa hidhattoonni Faannoo N. Oromiyaa Mandiidaatti raawwataniin lubbuun darbe.
Hidhattoonni Faannoo magaalaa Naannoo Oromiyaa kan Naannoo Amaaraa daangessitutti haleellaa raawwataniin lubbuun darbuu qondaalliifi jiraattotni BBC’tti himan.
Bakki guyyaa Wiixataa haleellaan raawwate jedhame Magaalaa Mandiidaa kan Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abbichuufi Nya’aa keessatti argamtudha.
Haleellaa ALI Hagayya 01, 2015’n lubbuun kan darbe kan miseensota Poolisii Oromiyaa lamaafi barataa tokko ta’u qondaalli aanichaa himaniiru.
Hidhattooti kun ganama naannoo sa’aa 4:00’tti gara magaalichaa seenuu kan himan qondaalli kun, “Gocha kana kan raawwate humna Faannoo jedhamudha.
”Konkolaataadhaan toora magaalaa Dannabaa irraa daangaa isaanii cabsanii gara keenya dhufan,” jedhan I/Gaafatamaan Kominikeeshinii aanichaa Obbo Abdataa Haayiliyyee.
Dannabaan magaalaa Naannoo Amaaraa aanaalee Abbichuufi Nya’aa daangessan keessaa tokko kan ta’e Siyaadabirii fi Waayyuu keessatti argamtudha.
Hidhattootni maqaa Faannoo jedhamuun waamaman kunneen konkolaataa fee’umsa meeshaa sadiin Dannabaarraa gara Magaalaa Mandiidaa akka deeman odeeffannoo qabaachuu isaaniifi magaalaa osoo hin seenin konkolaataarraa bu’uun dhukaasa banuu isaaniis Obbo Abdataan himaniiru.
“Baay’inni isaanii qabatamaatti ani kanin ofii kiyyaaf arge toora nama 100 ni ta’u. Mooraa Waajjira Bulchiinsaa fi Waajjira Poolisii seenanii dhukaasanii bahan,” jedhan.
”Dhukaasaa dhufanii Waajjira Poolisii seenanii meeshaa hiikkachuu barbaadan garuu hin milkoofne, gadi deebi’an,” jedhan.
Kaayyoon hidhattootni kunneen Magaalaa Mandiidaa itti seenuu danda’an magaalicha qaxxaamuranii gara magaalota naannoo Amaaraa birootti ce’uu ta’uu akka danda’u himan Obbo Abdataan.