Karrayyuutti humni Faannoo jedhamu lola baneen daangaa Oromiyaa weeraraa jiru.

Karrayyuutti humni shiftaa maqaa Faannoon of waamu ummata irratti dhukaasa bane jira.

 

Aanaa Fantaalletti humni shiftaa N/Amaaraa Faannoo jedhamu bakkoota ammaan  dura karaa Karrayyuutiin lola banaa turee fi dhaadataa ture irratti yeroo ammaa kana lola banuun dhagahame.

Daandii Guddicha Itiyoo-Jabuutii geessu kan baaburaa dabalatee too’achuuf kan deema jiru humni Faannoo kun yeroo adda addaatti gama miidiyaan dhaaddachaa kan turan har’a Hagayya 08/08/2023 ganama lafa barii naannoo sa’aatii 11:00 irraa eegalee uummata keenya Karrayyuu irratti humni naannoo Amaaraa irraa ka’ee Oromiyaa weeraruuf deemu lola banee Jira, hanga ammaatti  bakkoota akka Arroolle_guutuu Irraan_Buut, Borbor, Funyaan_Waangayyootii hanga Qorkee (Awuraa godaanaa) bakka karaan guddichi Finfinnee_Dirree Dawaa keessa qaxxaamuru bakka ammaan dura Faannoon naannoo Amaaraa taampeellaa mootummaa N/Amaaraa jedhu irra dhaabbattetti lolatu adeemaa jira.

 

Humnootiin maqaa Faannoon socho’an kunneen mootummaa naannoo Amaaraan deeggaramee daangaa Oromiyaa cehuun lafa Oromoota Karrayyuu weeraruun qabeenyaa ummata naannichaas saamaa jiraachuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *