Hordoftoonni Amantaa Musliimaa Magaalaa Finfinneetti hiriira bahuun Faannoo Balaaleffatan

Hordoftoonni Amantaa Musliimaa Magaalaa Finfinneetti hiriira bahuun Faannoo Balaaleffatan

(SQ-Ebla 27,2022)

Kibxata Kaleessaa Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti walitti bu’iinsa gama amantaan uumameen Lubbuun namaa darbuun himameera.

Haata’u malee Lakkoofsi Namoota du’aniifi Miidhaan qaqqabe hin ibsamne.

Mootummaan Naannichaa ibsa baaseen miidhaa qaqqabeefi lubbuu namaa darbeef gaddi guddaan akka itti dhagaahame ibseera.

Kanuma Hordofee guyyaa har’aa Ebla 27,2022 Magaalaa Finfinnee keessatti Namootni Masjiida Annuwaartti hiriira bahuun gochaa guyyaa kaleessaa raawwatame mormaa jiru.

Naannoo Amaaraa keessatti Finxaaleyyiin Amaaraa Hidhatanii socho’an yeroo garaagaraatti rakkoo Oromiyaa fi nannolee garagaraa keessatti uumaa jiraachuun isaanii kan yaadatamuudha.

Faannoon Amaaraa haleellaa guyyaa kaleessaa raawwatame harka keessaa qabu jechuun hordoftoonni amantaa Musliimaa hiriira irratti balaaleffachaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *