Humnoonni Amaaraa Koonyaa Matakkalitti Abbaa Gadaa Oromoo Matakkal dabalatee namoota hedduu ukkaamsanii fudhatan jedhame.

Humnoonni Amaaraa Koonyaa Matakkalitti Abbaa Gadaa Oromoo Matakkal dabalatee namoota hedduu ukkaamsanii fudhatan jedhame.
(SQ Ebla_ 27, 2022)
Abbaa Gadaa Oromoota Matakkal Dabaloo Hiikaa dabalatee namoonni 200 ol poolisii humna addaa Amaaraatiin butamuun dhaga’ame.
Jiraattonni akka himanitti, dheengadda Araddaa Gaalessa jedhamuu Obbo Dhugumaa Ayyaanaa, Abbaa Gadaa Oromoo Matakkal kan ta’an Dabaloo Hiikaa dabalatee jiraattota araddichaa daa’imman xixiqqoo fi Manguddoota akkasumas dargaggoota baay’inaan 200 ta’an bakka tokkotti walitti qabuun, konkolaataa gurguddaatiin fudhatanii deeman jedhu maddeen.
Namoota qabaman keessaa gariin mana barumsaa keessatti hidhamuu eeranii, gariin ammoo buufata poolisii humna addaa Amaaraa keessatti hidhamanii jiraachuu himan.
Abbaa Gadaa Dabaloo fi Obbo Dhugumaa Ayyaanaa eessa akka jiran hanga ammaatti wanti beekame hin jiru jedhu.
Gocha kana duukaa humna addaa Amaaraa Matakkalitti bobbaafametu jira jechuun jiraattonni nuun gahaniiru.
Koonyaa Matakkal Ona Dibaaxii keessatti rakkoon hawaasa Oromoo irratti raawwatamaa jiru guyyaa irraa gara guyyatti hammaataa dhufuu isaas namoonni achi jiran nun gahaniiru.
Haleellaan walitti fufaa waggaa lamaaf poolisii humna addaa Aamaaraatiin isaan irratti raawwatamaa jiraachuu kan himatan jiraattonni Koonyaa sanaa maqaa nagaa eegsisuu jedhuun bara 2013-tti labsii yeroo muddamaa labsamuu isaa booda nagaan qe’ee keenya goolameera jedhu.
Labsii yeroo muddamaa sana sababeeffachuun, rayyaan ittisa biyyaa fi poolisiin humna addaa Amaaraa Koonyaa sana akka seenan taasifamanis, labsicha da’effachuun fi*nxaa*leyyiin Amaaraa seeraan ala Koonyaa kana keessatti bobbaafamuun ajjechaa suukkanneessaa dhaqqabsiisaa turuu ibsanii jiru jechuun maddeen keenyi nuuf gabaasaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *