Finfinnee Keessatti Dargaggootaa fi Sabboontota Oromoo ta’an ukkaamsanii mana hidhaatti darbuun akkuma itti fufetti jira.

Finfinnee Keessatti Dargaggootaa fi Sabboontota Oromoo ta’an ukkaamsanii mana hidhaatti darbuun akkuma itti fufetti jira.

(SQ-Hagayya 15, 2022)

Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Jamoo 3 jedhamee beekamutti jimaata darbe Hagayya 12,2022 Dargaggoota Oromoo kan ta’an Barreessaa Bissii Walaloo ‘Sossobbii’ kan tahe Siinaan Huseen jedhamu waraanni Bilxiginnaa mana isaa deemuun qabanii Ukkaamsuun gara mana hidhaa Waajjira Poolisii Magaalaa sabbataatti darbatan.

kanumaan osoo jiruu Guyyaa har’aa immoo jechuun Hagayya 15,2022 dargaggoo Siinan Huseeniin waajjira Poolisii magaalaa Sabbaataa irraa baasuun poolisoonni Godina Iluu Abbaa Boor Magaalaa Mattuu irraa dhufanii ati nu biratti barbaadamteetta jechuun fuudhanii gara Magaalaa Mattuu geessan.

Dargaggoo Siinaan Huseen magaalaa Finfinnee keessatti hojii daldalummaatiin kan of jiraachisu yoo tahu bara dabre (2021) kitaaba bissii walaloo SOSSOBBII jedhu barreessuun dubbistoota biraa gahee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *