Godina Jimmaa Aanaa Geeraa fi saxannaatti maaliif nagahee gaafattan jechuun kaabinoonni jiratatota dararan

Godina Jimmaa Aanaa Saaxammaa dabalatee Aanaa Geeraatti kaabinoonni mootummaa ilmaan Oromoo qonnaan bultoota haqa isaaniif falmatan maaliif gaaffii mirgaa gaafattan jechuun dararaa jiru.

Akka ragaan Viidiyoo kanaa agarsiisutti qondaalonni mootummaa namoota nagaa afur harka isaa miila jalaa deebsisuun gurra qabsiisanii dararaa jiru.
Namni tokko ammoo irra deemuun dullaan akka barbaadetti yeroo tumu viidiyoo ni mul’isa.
Namni afran reebaman kun balleessani isaanii maal akka ta’e beekkamuu baatus, ummata walghiif walitti qabame fuulduratti reebichi kun raawwate.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *