Akeekni siyaasaa qabsoo bilisummaa Oromoo, Sagantaan Siyaasaa ABO, bara 1974 bahee bara 1976 ragga’ee, bara 1989, 1998 fi 2004 wayyeeffamee hujii irra ooluu eerga jalqabee, injifatnoolee gurguddoon galmeeffamaniiru. Akkanaanis, haala hedduu rakkisaa ta’e keessatti, Oromoon akka sabaatti jiraachuu mirkaneesseera. Karaa: siyaasaa, waraanaa fi diploomaasii moyxannoo hedduun horatamuu irra dabree milkiilee sadarkaa har’a qabsoon irra gaheef gumaacha guddaa kenneera.
Mirga dimookraasii fi hiree murteeffannaa sabootaa ilaalchisee, geeddaramni ifaan sadarkaa addunyaa irratti mul’atus, ummatni Oromoo fi ummattootni hedduun Impaayera Ixoophiyaa keessaa, har’a illee, harqoota kolonummaa sirna Impaayera Ixoophiyaa jalatti mirgi hiree murteeffannaa fi dhala namummaa isaanii faallomee fedhii isaaniin alatti bittaa alagaa jalatti ammayyuu hacuucamaa fi roorrifamaa jiraatuun ifaa waan ta’eef falmachuun fardii tahuu ABOn ummata Oromoof waamicha bifa haaraan Mudde 6/2022 taasisee jira.
Ummatni Oromoo, eerga kiyyoo kolonii Itoophiyaa jalatti kufee eegalee, mootummoota Itoophiyaa kanneen darabee aangoo qabatan hundaan mirga isaa sarbamee fi qabeenyaa isaa saamamee, biyya isaa irratti mirga abbaa biyyummaa dhabee jiraate. Har’as, durummaa sirna gita bulchiinsa PP birookraasii dhaaleen itti fufee miidhaa ulfaataa, seenaa gabrummaa keessatti hiriyaa hin qabne ummata Oromoo irraan gahaa jira. Kanaaf, mootummooti Itoophiyaa, kan sirna Impaayerummaa biyyichaa tiksan hundi diina qabsoo bilisummaa ummata Oromoo ti.
Ilmaan gita bittoota Habashaa ofii isaanii aangoo irratti wal mormanis, ummata Oromoo kiyyoo kolonii isaanii jala turfachuuf akeeka walfakkaatu calaqqisan. Ilmaan nafxanyaa aangoo bara dheeraa harka isaanii turee ilmaan gita bittoota Tigrootaan harkaa fudhatame deebifatanii sirna Impaayerummaa biyyichaa akka duriitti bituuf foolachaa jiru. Murni kun, duri irraa kaasee, tarkaanfii seenaa of-duuba deebisuuf tattaafata. Mirga hiree murteeffannaa ummattootaa akka “biyya diiguutti” fudhatee dura dhaabbata. Kanaaf, humnootiin aangoo harkaa buute deebifachuun sirna Impaayerummaa biyyichaa tikfachuuf hawwani fi mirga hiree murteeffannaa ummattootaa dura dhaabbatan diina qabsoo Oromoo ti.
Minilik hoggaa Oromootti duulee qabate, gargaarsa alaatti dabalee, ilmaan Oromoo keessaa garii of cinaa hiriisuudhaan akka ta’e kan falamsiisu miti. Eergasiis, haalli kun hanga har’aatti hin jijjiiramne. Kanaaf, ilmaan Oromooo, gantoonni murnaanis ta’e nam-tokkeen Impaayerichi tikfamuu irraa bu’aa qabaachuun bilisummaa Oromoo dura dhaabbatan gufuu qabsoo Oromoo ti.