Yeroon isaa yeroo biyya keenya ijaarrannudha.

Yeroon isaa yeroo biyya keenya ijaarrannudha.

 

Addi Bilisummaa Oromoo wayita hundeeffamu Oromoon haala baayyee hamaa keessa jira ture. Gaafa sana ‘Ani Oromoodha’ jedhanii of waamuufi ofitti boonuun hin turre. Kaan maqaa amantii, kaan maqaa gosaa, kaan maqaa lafaa, kaan maqaa alagaan itti moggaaseen of waama ture. ABOn jalqabarratti hojiin isaa ‘Ati Oromoodha malee isa ittiin of waamtu ykn ittiin si waaman kana miti’ jedhee barsiisuu ture. Itti milkaa’eera.

Itti aansee sabichi kolonii habashaa jala akka jiru, biyya utuu qabuu biyya akka dhabe, aadaansaa akka hacuucame, afaan isaa akka ukkaamfame, eenyummaan isaa akka ukkaanfame barsiisuu ture. Itti milkaa’eera.

Ittuma fufee waan sabichi eenyummaa isaa ittiin ibsatu, barreessee ittiin dubbisu, addunyaa waliin itti waliigalu qoratee qubee Afaan Oromoo barsiisuu eegale. Kanaafis nama ramadee qorachiisee as baasee barsiisuu eegale. Dabballeen ABO qubee Afaan Oromoo barsiisuu hojii idilee godhatee itti bobba’e. Itti milkaa’eera.

Sabichi Qabsoo Bilisummaa geggeessuu akka qabu haala siyaasa addunyaa qoratee mirkaneessee hojii siyaasaafi dippilomaasii geggeessuu itti fufe. Sabni guddaan Oromoo jedhamu gaanfa Afrikaa keessa ukkaamfamee akka jiru, sabichi madda qaroomina addunyaa akka ta’e, saba hangafa qalaqa sirna Dimokiraasii ta’e ta’uusaa addunyaatti ibse. Itti milkaa’eera.

Humna waraanaa ijaaree abbaa irree ‘ani ergamaa Waaqaati, Waaqatu na muude’ jedhee of jaju irratti lola geggeessuun,ajjeesuun, falmachuun akka jiru ifatti agarsiise. Waraana leenjisee hidhachiisee lolatti bobbaasee Qabsoo Bilisummaa finiinse.

Haala siyaasa addunyaa qorachuudhaan, muuxannoo fudhachuudhaan dargaggoota ijaaree warraaqsaaf qopheesse. Fincila Diddaa Gabrummaa eegalchiise. Barattoota, barsiisota, hojjetaa mootummaa, qote bulaa, ogeessa fayyaa…hiriirsee Qabsoo Bilisummaatti seensise.

Jaarmiyaa seerawaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo ijaaree addunyaatti beeksisee warraaqsa geggeesse. Qeerroo Bilisummaa Oromoo hundeessee, ni leenjise, hogganee kallattiifi qajeelfama kennee Wayyaanee garagalche.

Kun hunduu yeroosaa eeggatee karooraafi tartiibaan ta’e.

Har’a yeroo biyya keenya Oromiyaa ijaarrannu, mootummaa mataa keenyaa ijaarrannu, aangoo siyaasaa dhuunfannurra geenyee jirra. Kanaafis ABOn karaa tolchee karooraafi sagantaa itti baasee hojjetaa jira. Qeerroon Bilisummaa Oromoos kallattii dhaabnisaa Addi Bilisummaa Oromoo kaa’urra deemuudhaan mootummaa Oromiyaa ijaaruu keessatti qoodasaa kennaa jira.

Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaarrannee fala siyaasaa kaa’uudhaan gara mootummaa seerawaa kan Oromiyaa ijaarrachuutti ceena!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *