Nagaa fi Tasgabbiin Oromiyaa keessatti Akeekaa fi kaayyoo (Dibaabee) ABO jalatti qofa mirkanaaya ‼️

 

Qormaatota qabsoo bilisummaa oromoo har’aa‼️

Diinota qabsoo keessaa diinni keessoo baay‟ee hamaadha.
Dhimmi kun oduu durii oromoo tokko na yaadachiisa. Innis waa‟ee ibiddaa kan dubbatudha. “Diina jedhanii ofirraa hin fageessan ;fira jedhanii ofitti hin dhiyeessan.”
Diinotni qabsoo keessaa akka ibiddaati jechuudha.
Yeroo ofitti dhiyeessan daba adda addaa fi shira hojjechuun qabsaa‟ota dhugaa miidhuu yaalu.
Yoo ta‟uu baate halaalatti duula maqaa balleessii deemsisuun haamleen qabsaa‟otaa akka tuqamu tattaafatu.
Diinota jedhamanii akka hin fagaanne ammoo lammiilee keeti,Firoota. Egaa fira isaa ykn lammii lammii ganuu ol diina maaltu jira?

Seenaa uummata oromoo keessatti loltootni Minilik erga oromoo humnaan mo‟anii jalqabee hanga har‟aatti diinotno oromoo cimina
isaaniitiin qofa osoo hin taane hanga har‟aatti oromoo oromoon qabuunas gahan.
Gantootaa fi ergamtootatu diinaaf karaa agarsiisee uummata keenya ficcisiisaa ture,har‟as kan jiran.
Diinotni keenya dhufaa darbaa gargaarsa alaan taankii fi xiyyaara lolaa haa qabaatan malee dhugumatti walta‟insi diina keessoo osoo jiraachuu baatee hanga yoonaa Oromoo
sirna cunqursaa jala hin tursan ture.
Ammas oromoon bilisa hin baane. Humna bilisummaa oromoo kan dadhabsiisanii fi diinni alaa akka jabaatu kan godhan diinota keessooti.
Tokkummaan Oromoo akka hin jiraanne ykn akka dadhabu kan godhanis diinota keessooti malee cimina diinota alaa miti. Haata‟uutii uraa
diinotni keessoo baasaniin diinotni alaa keessa keenya seenanii tokkummaan keenya akka hin jabaanne carraa ni argatu.Kanadha qabsoo
bilisummaaf gufuu fi qormaata ta‟ee qabsoon galma isaa irraa akka dabu kan godhe.

Waa‟ee galma ga‟insa qabsoo bilisummaa oromoo kaasuun kiyya yoo hin hafnee mee kanneen biroo kaayyoo qabsoo fi ta‟e galma ga‟insaaf qormaata kkan ta‟an tokko tokko kaasuun yaala. Baayyee kan nama
gaddisiisu har‟as dhaabotni oromoo tokko tokko, gareewwanii fi
Namootni dhuunfaa ykn aktivistootni waan godhan yoo ilaalle,isaan qabsoo bilisummaa oromoof hiikni kennan kan nama waliin dhahuu fiuummata dogoggorsu ta‟ee mul‟ata.

Akkamitti yoo jedhame:-

1ffaa :- Biyyi keenya Oromiyaa humna waraanaan akka qabamtee fi
har‟as akkasumatti weeraramtee akka jirtu kan irraanfatan ykn ammoo osoo beekanii dhugaa lafa irra jiru dhoksuuf kan yaalan fakkaatu.
Ammas goleen oromiyaa al kallatttiin labsii yeroo muddamaatiin bulaa jirti.

2ffaa:- jalqaba ykn kaayyoo qabsoo karaa dogoggora ta‟een ibsuuf erga yaalanii booda hubannaa kana irra dhaabbatanii galmi qabsoo mirga abbaa biyyummaa oromoo milkaneessuuf akka hin taane gochuun dhiyeessanii, oromoon biyya Itoophiyaa jedhamtu bilisa baasuu fi biyya
dimookiraatawaa taasisuuf akka falmu fakkeessuun galmii fi kaayyoon qabsoo bilisummaa oromoo kana akka ta‟e godhanii dhiyeessu.

3ffaa:- uummanni oromoo yeroo dheeraaf gaafachaa kan ture gaaffii bu‟uuraa keessumaayyuu gaaffiiwwan qeerroon oromoo kaasaa turan, qabatanii kan bahan dhaadannoowwan ragaa osoo jiruu,uummanni
oromoo gaafachaa kan jiru jijjiirama poolisii(policy reform)dha jechuun kaayyoo qabsichaa baayyee gad xiqqeessanii dhiyeessuun,jijjiirama xixiqqoo yoo godhan uummanni oromoo kanaan gammadee qabsoo
isaanii akka dhaaban godhanii nama amansiisuuf yeroo tattaafatan ni argamu.
Kan biraa kan nama ajaa‟ibu har‟a caalaatti kan hidhamu ,kan dararamu,kan ajjeefamu,biyyaa kan baqatu,qabeenya kan saamamu,
qe‟ee fi lafa isaarraa kan buqqifamuu fi kkf oromoo irratti osoo ta‟aa
jiranii,hanga yeroo dhiyootti uummattootni biroo callisuu filatanii bakka turanii ykn waqtii turanitti osoo hin waamamiin,osoo hin gaafatamiin,oromoon Itoophiyaa hundaaf du‟uu qaba; aarsaa kafalee biyya kana jiraachisuu qaba jechuun namaaf jedhanii uummata keenya
ficcisiisuuf uummata kakaasaa jiru.

Hubadhaa ‼️
Oromoon hanga yoonaatti aarsaa biyya kanaaf kafale osoo hanga har‟aa bilisummaa isaaf
kafalee jiraatee har‟a abbaa biyyaa ta‟uu danda‟eera ture.
As irratti ifa ta‟uu kan qabu dhimmootni olitti tarreeffaman yeroo ka‟an akka kiyyatti Oromoon Itoophiyaa irraa rakkoo ykn jibba qabaatee miti.
Galmis ta‟e kaayyoon qabsoo bilisummaa kanaa gara kallattii hin taaneetti akka hin deemne eeguu fi ittisuun dirqama waan ta‟eefi. Kanaa achi dhiigaa fi lafee jagnoota keenyaa kufaniitti qoosuu ta‟a.

Dhimmi dhugaa hundaafuu ifa ta‟uu qabu garuu kaayyoon jalqabaa qabsoo bilisummaa oromoo uummanni oromoo hiree murteeffannaa ofii isaa
ofiin akka murteeffatu dandeessisuu qaba.

Hiree ofiin murteeffannaa kana keessatti adeemsa isaas ta‟e murteessuu keessatti eenyu waliin iyyuu akkamitti akka jiraachuu qabu kan
murteessu uummata oromoo bal‟aa qofa. Dubbii keenya irratti mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu kan saboota hundaa,sablammootaa fi uummattoota ta‟uu isaatiin dhimmi kun kan oromoo qofa jedhamee kan kaa‟ame godhamee mul‟achuus ta‟e fudhatamuu hin qabu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *