Haasaa Obbo Jawaar Mahaammad Biyya Norway Olsotti dhimma impaayera Xoopiyaa fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti dubbate ilaalchisun Jaal Muusaa Daawud xinxalaa kennee.

Haasaa Obbo Jawaar Mahaammad Biyya Norway Olsotti dhimma impaayera Xoopiyaa fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti dubbate ilaalchisun Jaal Muusaa Daawud xinxalaa kennee.

(SQ-Waxabajjii 12,2022)

Haasaa obbo Jawar Olsotti dubbate keessaa maaltu haqa, maaltummoo haqa miti jechuun xinxalaa isaa kan eegale jaal muusaa Daawud haala itti Obbo Jawaar mootummaa Paartii Bilxginnaa ibsee akkasin lafa ka’ee jira.

“Amma mataa Impaayeeratti irra kan jiru Oromoodha. Nu ajjeesaa ijaa jiraniif laalaa qabna, karaa biraa ammoo maqaa keenyaan saba biraa midhanii diina nutti horaa jiru, kanaaf Impaayeera bututtuuma kana suphine dantaa keenyas dantaa saboota biraas kabachisu qabna.” Hasaan kun ammam dhugaadha? Ummatni Oromoo saboota kamuu caalaa motummaa kanaan akka midhamaa jiru fi Abiy jalatti kursii kan tiksaa jiru kaadiree qofa akka ta’e sabaa fi sab lammootni biyyatti keessa jiran sirritti beeku. Kanaaf badii motummaan PP dalagu irraan kan ka’e sabni Oromoo akka dinaatti ilaalu hin jiru.

Saba Tigray caalaa kan motummaa PP dhaan midhame hin jiru, ammoo Oromoo akka dinaatti yeroo ilaalan argaa hin jirru. Jawar dhugaan kun maaf jalaa dhokate moo kunis qaama haasaa shororkaa saba keessatti naquuf taasisamu? Midhaa Abiy saboota biroo irratti qaqqabsisuun Oromoon akkamiin diina horata? Saba kamuu caalaa motummaa Abiy kan ajeeffate saba Oromoo ta’u sabni wallaale hin jiru. Jedha xinxalii Muusaa Daawud kun.

Ittuma fufuun dhimma impaayeera suphuu ykn diigu ilaalchise yaara Obbo Jawaar irratti kan xinxalee Jaal Muusaan “Dhaadannoon yeroo dhihoon asitti qabsoo Oromoo keessatti mul’atu Impaayeerri digamuu qabdi malee suphamuu hin dandeessu kan jedhu jedhan Kun cinaa dhugaa cinaa sooba” jedhe. Ammoo ibsa bal’aa kana ilaalchisee kenne keessatti harki caalaan waa’e nation building ture. Impaayeerri bilisoomuu akka dandeessu fakkeenya tokko dhiyeessuu hin dandeenye Obbo Jawaar jedha xinxalii Jaal Muusaa Daawud kun.

Yaada Obbo Jawaar haala Qabsoo 2018 duraa fi qabsoo san boodaa irratti kenne irratti yaada isaanii kan barreessan jaal Muusaan jechii qabsoon bara 2018 as ykn amma kan keenya irratti qabsoofna obbo jawaar guutumatti dogoggoora jedhan.

Kun gutummaa gututti dhugaa miti. Gartuu siyaasaa tokko “keenya” kan taasisu dhiga osoo hin taane gochaa dha . Abiy Ahmed moo Mallasaatu caalaatti Oromoo ajjeesee? Mallasaan diina, Abiyyillee dhigaan Oromoo ta’eef fira yokaan “keenya” ta’uu hin danda’u. Hoogganoonni fi kaadroonni OPDO akkasumas caasaansaanii kan bara 2018 duraaf kan san boodaa hagas mara adda addummaa hin qabu. Ajjeechaan isaan Oromoo irratti raawwatan caalaatti kan hammaate amma. Dhugaan jiru kana taanaan OPDOn 2018 dura diina jedhamu 2018 booda maaltu jijjiramnaan Jawar “keenya” jechuun isaan ibsa jedhan.

Yaada lolli Oromiyaa keessatti deema jiru lola obbolaa giddutti kan Obbo Jawaar jedhes kan mormaan jaal Muusaan Oromiyaa keessaa loola obbolaan lamaan giddutti gaggeeffamaa jiru dha. Yoo itti fufee loola amantaa fi lola gandaa ta’a. Ammas argaa jirra.” isaa obbo jawaar jedhen Hasaan kun rakkoo hedduu of keessaa qaba jedhan. Tokkoffaa yeroo ammaa kana W*B*O adamsuuf Oromiyaa keessa bobba’ee kan jiru loltoota Federaalaa dha. Jawar “obbolaan” kan jechaa jiru dhigaan taanaan miseensoonni RIB hundi Oromoo dha jechudhaa? Lammaffaa osooma dhigaan Oromoo ta’anillee loltoota dargaggoo kichuu Amaanu’eel fi kanneen biroo guyyaa saafaa rashannu Jawar akkamumaan afaan guttatee “obbolaan” jedhe yaamaa? Sadaffaa loola amantaa fi gandaa Oromiyaa keessatti argaa jirra jedhe. Kun dhugaa taanaan nama yaaddeessa kan jedhan Muusaan Jawaar kana ilaalchisee ragaa qabu tokko lama jedhe akka dhiyeessu gaafatamuu qabas jedhan Ani kana quba hin qabu, kunis saba shororkeessuuf haasaa taasisamu jedheen yaadas jedhu.

Bu’aa qabsoo karaa nagaa yaalamee fashale ilaalchise obbo Jawaar dhiyeese ilaalchiisunis jaal Muusaan akkas jedhan.

“Qabsoon Haylee Fidaa faa gaggeessaa turan qotee bulaa abbaa lafaa taasise. Qabsoon Lencoonfaa gaggeessan yoo xiqqaate Oromiyaan kaartaarra akka teessu godhe.” Kanaaf qabsoon karaa nagaa yaalame bu’aa hin fidne jechuu hin

yu jedhe Jawar. Ammoo bu’aa bara kansaa argame hin tuqiin irra darbe. Qabsoon Oromoo galma qabdi. Galmishe saba Oromoo bilisa baasuu fi Oromiyaa walaba taate ijaarudha. Qotee bulaan abbaa lafaa ta’uunis ta’e Oromiyaan kaartaa irra taa’uun “by product” qabsoodha. Bara Haylee Fidaa qabsoon reef lafaa ka’aa waan turteef galmaan gahuu baattuus komiin guddaa jiraachuu hin qabu.

Inni 1991 fi 2018 waan addaa dha. Oromoon salphaatti abbaa biyyaa ta’uuf carraa argatuus dogoggoora hoogganotaa irraan kan ka’e fashalaahe. Ani bu’aa argame tuffachu barbaadee osoo hin taanee waggaa shantamaa oliif qabsoo gaggeessine “by product” qabsoo adumsa keessa arganne akka waan guddaatti qooma dhibnee haasa’uun galma qabsoo Oromoo wallaaluu irraa madda. Waan xixiqqaa arganne dhaadeessuu irra dogoggoroota umaman irraan kan ka’e akka sabaatti waan dhabne irraa haasa’uutu qabsoo hadhooftuu fulduratti nu eeggatuuf akka qophoofnu nu taasisa waan ta’eef itti haa yaadamu. Jechuun xinxilaa isaanii golaaban.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *