WBO Lixa Oromiyaa meeshaa hiikkachuu waan fideel MM Abiyyi humnootii Finxaaleyyii Amaaraa Faannoo Wallaggaa keessatti akka hundeeffaman taasise

#Izii Wallaggaa jechuun kan tibbana humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa hundeessine Wallaggaa keessatti jechuun labsan kan hundeesse MM Abiyyi Ahimed dha.

Lola Naannoo Tigiraay booda Waraana Bilisummaa Oromoo dhabamsiifna jechuun sirni Abbaa Irree PP Abiyyiin durfamu Wallaggaa keessatti humnootii finxaaleyyii Amaaraa hundeessuun ummata waliin walitti buusuun aangoo Abbaa Irrummaa isaa dheerefachuuf kan hundeessedha.

Akkuma lolli Naannoo Tigiraay araaraan goolabameen obbo Shimallis Abdiisaa gara Bahirdar imaluun tumsa Faannoof deeggaraa qarshii Mili. 200,000 gochuun isaa ni yaadatama.

MM Abiyyi immoo karaa itti Aanaa isaa duraanii obbo Dammaqaa Mekonnin sabni Amaaraa Wallaggaa keessa jiru hidhachuu qaba jechuun deeggarsa waajjira MM irraa argameen humnootiin finxaaleyyii Amaaraa Wallaggaa keessatti akka lafa qabatanii ijaaraman adda durummaan ajaja kennuun hogganaa turan.

Yeroo ammaa Izii Wallaggaa jechuun kana humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa Wallaggaa Bahaa keessatti Ibsa kennaa jiran eegumsa RIB jalatti tumsa mootummaa Abbaa Irreetiin tahuun beekameera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Lixa Oromiyaa keessa galuu dide jechuun haaloo bahumsaaf ummata Oromoo irratti daangaa Oromiyaa keessatti Abiyyi Ahimed akka Faannoon ijaaramtu taasise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *