Godina Arsii Bahaa fi Lixaa keessatti sinodosii Oromiyaa fi sabaa fi sablammoota Oromiyaa haaraa filamaniif simannaa ho’aan taasifame.
Haaluma kanaan Arsii bahaa magaalaa Asallaa fi godinoota Arsii lixaa magaalaa Shaashamannee fi Negellee keessatti phaahpasota haaraa sinodosiin Oromiyaa bakka buuse haala nama hawwatuun bahanii simatanii jiru.
Phaaphasonni haaraan amma Oromiyaa keessatti bakka buufamaa jiran abboota dhalootni afaan isaan wangeela lallabuu fi waaqeffachuu qaba jedhanii qabsoo gaggeessaa turan waan taheef Oromoon osoo amantiin walin qoodiin dhimmi Abboota kanaa dhimma Afaan Oromooti dhimmi afaan Oromoo immoo dhimma Oromummaati jechuun bakka isaan gahan maratti haala ho’aan simataa jiru.
Abbootii amantaa ortodoksii guyyaa har’aa guraandhala 4/2023 gara Arsii imalan magaalaa Shaashamannee fi Negelleetti haala ho’aan simatamanii uffata Alaabaa Abbaa Gadaan faayame Gaabii Oromoon uffatus jiraattota irraa badhaafamaa oolaniiru.
Abbootiin amantii ortodoksii yeroo ummata naannichaan simataman Gaabii faajjii Abbaa Gadaa qabus ummata irraa akka kennaatti kennamuun immoo caalaatti akka Abbootiin amantaa kunneen dhimma Oromummaa fi Afaan Oromoo amantii isaanii keessatti calaqqee godhanii mul’isanii deemaniif dhaamsa ergaa qabu tahuus beekameera.
Diinni Afaan Oromoo yoomillee injifatamaadha. Murni Abboota kana dura dhaabbataa jiru ammas yaalii godhaa jiraatus tokkummaa Oromootaan fashalawee jira.
Abbootiin amantii ortodoksii afaan Oromoon waaqeffanna jechuun kan sinodosii oromiyaa fi sabaa sablammoota oromiyaaf labsan warri afaan Oromoo jibbi har’as mormiitti jiraatus qaamota nageenya eegsisan waliin tahuun hawaasni bal’aan Oromoo osoo amantaan walin qoodiin dhimmi afaan Oromoo dhimma oromummaa keenyaati jechuun simannaa gochaa jira.