Warra Jarsootti meeshaa waraanaa qe’ee jiraattotaatti Raayyaan Ittisa Biyyaa dhukaaseen torban tokkotti namoonni nagaa 10 ajjeefaman
Aanaalee Godina Shawaa Kaabaa sababa sochii hidhattootaatin rakkoo nageenyaatiin raafamaa jiran keessaa tokko kan taate aanaa Warra Jaarsootti torbee darberraa eegaluun dhukaasa meeshaalee waraanaa gurguddaa taasifamaa jiruun namootni nagaa miidhamaa jiraachuu jiraattonni himan.
Jiraataa aanaa Warra Jaarsoo Ganda Jamjam Meellaa ta’uu kan himaniifi haleellaa kanaan miseensonni maatiisaa miidhaan irra gahuu kan dubbatan Obbo Abboomaa Dhufeeraa, dhukaasni kuni Raayyaan Ittisa Biyyaa hidhattoota haleeluuf fageenyarraa waan dhukaasuuf tasa qe’ee isaaniitti bu’uu hima.
“{A L I]Muddee 3, bara 2017 irraa eegalee sababa hidhattoota haleeluu jedhuun raayyaan Ittisaa meeshaalee gurguddaa dhukaasaa ture. Namootni lubbuun darbe keessaa kanneen mooraa keessatti osoo buna dhugaa jiranuu qe’ee isaaniitti dhuka’ee namni afur achitti du’ani” jedha.
Namoota sababa dhukaasa kanaatin ajjeefamanis daa’ima waggaa tokkoofi ji’a shanii dabalatee maanguddoon ganna 50 akka keessatti argamanis dubbata.
“Maatiin kiyya nama shanii kan sababa meeshaan waraanaa kuni qe’ee keessatti bu’uusaatin miidhame. Isheen tokko wagga lama, isheen tokko wagga sagali daa’ima sana baattee ture. Kan hafanis dubartootuma qe’ee keessa turanidha,” jedha.
Jiraataan gandichaa biraa sababa yaaddoo nageenyaaf eenyummaan isaa akka hin ibsamne gaafate tokkos yaada BBCf kenneen torbee tokko darbe kanatti gandichatti namoonni nagaa sababa dhukaasaa kanaan lubbuun darbe 10 akka ta’e hima.
“Torbee darbe keessa gaafa guyyaa Roobii namootni daboodhaan xaafii haamaa turan bakka laaqana nyaachaa turanitti meeshaan kan irratti dhuka’e. Isaan keessaa qonnaan bulaan afur lubbuun darbeera.”
“Bakka buna dhugaa turanitti kan du’anis namoota afuri. Namni tokko osoo oogdii (oobdii) soqaa jiruu kan ajjeefames jira. Namni kan biraa tokkos haaluma kanaan ganduma kanatti kan ajjeefame jira. Waliigala namoota nagaa 10 galaafate,” jedhan.
Dhukaasni meeshaalee waraanaa gurguddaan deeggarame kuni hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) haleeluuf kan kaayyefate akka ta’e kan himan jiraattonni kunneen, meeshaaleen kunneen fageenyarraa kan dhukaafaman waan ta’eef qe’ee jiraattotaatti bu’uun miidhaan gahaa jiraachuu dubbatu.
Namoota lubbuun darbe jedhame kanaan alatti kanneen miidhaan qaamaa irra gahe hospitaala Kuyyuutti yaala argachaa jiraachuus himu jiraattonni.
Dhimma ajjeechaa namoota nagaa jiraattonni himatan kanarratti kan gaafanne Bulchaa Itti-aanaan aanaa Warra Jaarsoo Obbo Habtaamuu Wasanaa ”namootni nagaa ajjeefamuu odeeffannoo hin qabnu” jedhan.
“Sababa dhukaasatiin hawaasa qulqulluurra miidhaan gahe kan jedhu odeeffannoosaa hin qabnu. Raayyaan Ittisa Biyyaa hawaasa qulqulluu irratti hin dhukaasu. Raayyaan uummata diinarraa qolachaa jira malee hawaasarra miidhaan hin geenye,” jedhan.
Gandi kuni ganda hidhattoonni keessa socho’an akka ta’e kan himan qondaalli aanichaa, miidhaa gahe jedhamu kana ‘diinni miidhaa irraan gahuu danda’a malee raayyaan meeshaa gurguddaan uummatatti dhukaase hin jiru’ jedhan.
Maddi:BBC Afaan Oromoo