Warraaksi afaan Oromootiin sosochii fi jijjiirama polotikaa hundeerraa dhufu,raawwatuu fi adeemsiifamu kan jijjiirama hawaasummaa,diinagdee fi polotikaa of keechaa qabudha.Warraaksi afaan Inigliziitiin “revolution” kan jennu,hundeen jechichaas afaan Laatinii irraa kan dhufe, “revolutiononis= upheaval” hiikkaan isaas akkuma olitti tuqne ta’ee “fincila uummati baay’inaan irratti hirmaatu” jechuudha.
“Permanent revolution today takes aim at the capitalist state, its institutions, and the vast interlocking system of human and social relations that form the matrix of world bourgeois oppression. It recognizes the proletariat as the motor force of world economy and the strategic spearhead of international revolution. And it bases itself on the mutual interdependence of the proletarian struggle and all other liberation movements.”
___Murry Weiss
Addunyaan keenya warraaksa dhaabdee hin beektu.Warraaksaan haala har’a irra jirtu irra geesse.Boris itti fuftee fuula biraa qabatti.Adeemsi Warraaksaa kun ammoo uuma yaadaa fi ilaalchaa irraa jalqabe sichis kan itti fufudha.Addunyaan warraaksa har’aa akka jalqabduuf qaroominni Gibxi/Ijpti_Meseppotaamiyaa qabee gara Giriikitti fudhatamuun jijjiirama adunyaa keenyaatiif hayyoota Giriik kanneen akka Sooqiraaxis,Pilaatoo fi Aristootiliin akkasumas Paaytaagoraa dabalatee hayyoota “MIRRIGA ” kana geggeessaniin kan raawwatamaa as gahedha.
‘Mirriga’ kan afaanota biraan “Philosophy” jennu irraa Afaan Oromootti fudhannees faalasfaa kan jennu,akkasumas faalasama jennee kan gochicha waamnu “Mirrigni” kun waan yaadaan uumanidha.Kanaafis maddi qaroominaa Ijibtitti uummattoota gurraachaan kan jalqabe yoo ta’e,mirrigni/falaasamni ammoo hayyoota Girikiin kan beekamudha.Qaroominaa fi falaasama jiruuf jireenyaan haa beekaman malees gama biraatiin Afirkaan iddoo argama madda dhala namaa ta’uunis warra lafee qoranii ilaalaniin kan himamudha.
“The ongoing revolution of the Illuminati—from the days of Spain’s Loyola and the Alumbrados to Voltaire and Robespierre of the French Revolution, and on to Lenin and Trotsky of Bolshevik Soviet infamy and Mao and Pol Pot of Asian barbarism, a trail of terror and blood has been the identifying sign of these “enlightened” Luciferian man–gods.”
Warraaksi Illuminnaatii deemaa jiru—Ka’umsi warraaksa Loyoolaa Ispeen fi kan Alambrodas gara Voltaa’er fi Roobespirree Fireeench irraa jalqabeeti,akkasumas Leeniniif Tirootiskii Boolsheviik Sooviyeet Infamii fi Maa’oo akkasumas sirni namoota polotikaa Eeshishaa inni badaan ,shororkaa fi dhiiga duubaan oofuun mallattoo ibsituu “enlightened” Lusiferootaa namoota waaq-namee ta’aniiti. Conspiracy World—A Truthteller’s Compendium of Eye–Opening Revelations and Forbidden Knowledge; Texe Marrs;Mana maxxansaa fi Bara maxxansame hin ibsamne.
Warraaqsi adeemsa jijjiirama polotikaa kan diinagdee,polotikaafi hawaasummaa hundeerraa hawaasa jijjiiruuf hawaasa bal’aan adeemsifamudha.Warraaksi sirna kaappitaalizimii burkuteechuu qabee,sirna fiwudaalotaa fi sirna abbaa irree caccabsuun jijjiirama hanga har’aa fideen toorri addunyaan keenya har’a irra jiraattuuf bu’uura kan kaa’e,hundee jijjiirama isa guddaa fi olaanaadha.
Warraaksi jabana hedduuf kan adeemee fi haalota hedduu keecha kan darbe yoo ta’u qorattootaan warraaksi gosoota jaha tahuun addatti ibsamee jira isaanis akka armaan gaditti ilaalla.
1) Jakiyurii: “jacquerie” Jakiyurii jechuun kan waamamu yoo ta’u kunis fincila warraaksaa kan diddaa qonnaan bulaan geggeessuun beekamudha.Qabsoon warraaksaa akkanaa dhaabbilee amantaa fi sirna mootummaa gonfoo irratti kanneen adeemsifamaa turan yoo ta’u roorroo isaan irra gahu yeroo qonnaan bultooti gurmaa’uun ofirraa ittisuuf kan itti warraaqanidha.
Warraaksi Kuubaa baroota (1953_1959)tti ture warraaksa ajjeechaa shiraa,fincila masaraa fi sirna mootummaa qomo/dynasty/ cicciruu kan Kaastiroon adeemsifame fakkeenya gaariidha.
AMALA WARAANA WARRAAQAWAA RIPHELOLAA
Waraanni warraaqaan riphelolaa ta’e tokko biyya,saba yookaan hawaasa bal’aa keessaa bahanii kan hidhataniif dammaqina politikaa qaban irraa ka’ee akka ta’e hubatama.
Warraaksa jechuun sosochii,fincila uummataan adeemsifamu jechuudha.Afaan Ingiliziitiin “revolution” kan jennuu fi Warra Lixaa (Western Countries) biratti bu’uura afaan Laatinii irraa “revolutiononis” kan jedhu irraa akka dhufee fi hiikni isaatis fincila “upheaval” jechuu yoo ta’u,saayinsii politikaatiin seenaa guddina tirannaa biyyootaa,sabootaa kan si’ataa fi hundeerraa hawaasummaan,diinagdee fi politikaadhaan hawaasa tokko jijjiirudha.
Warraaksi:- Jijjiirama seena qabeessa sabootaa fi biyyootaa kan ta’e,dhimmoota hawaas-diinagdee fi politikaa akkasumas bulchinsaa irratti kan mudatu fi argamudha.
Warraaksi Afirkaanotaa hedduun isaa afoolaa fi durduriidhaan,sirbootaa fi walaloowwaniin akkasumas hambaalee seenaa nama duriitiin kan qoratamanii fi xiinxalaman,qaaccessaman irraa kan hafe sirni barreeffamaa dhibuu irraa warraaksi uummattoota Afirkaa guddina hawaasaa,jijjiiramaa fi sosochiin uummatni Afirkaa birmadummaa,bilisummaa fi walabummaa isaatiif taasisaa ture afoolarra darbee “kana” jechuuf sirna barreeffamaatiin kan hin teenyee fi ol bahee hin beekkamnedha.
Warraaksi biyyoota Eeshiyaa haala seenessa warra Lixaa irraa adda ta’een kan mul’achaa dhufe yoo ta’e dhaloota kiristoos dura gara waggoota kuma lamaatii kaasee sirna barreeffamaan kanneen lafa ta’an warraaksaa fincila uummataa fi waraanaa adeemsifamaa turan kan agarsiisan faara qorattoota “duudhaa warra Lixaa” irraa karaa adda ta’een qorachuu fi ilaaluuf isaan dandeessiseera.Nuti Afirkaanoti barsiifata waa barreessinee kaa’uu akka hin qabne warraaksi Afirkaa keessatti ta’aa jiran ragaa guddaadha.Biyyootni Afirkaa Walabummaa isaanii gonfachuuf lollii fi qabsoon isaanii walakkeessa bardhibbee 20ffaa (1950ootaa-1970ootaa) irra jireessaan taasisan baay’inaa fi bal’inaan barreeffamee kunis saayinsiin qoratamee fi hubatamee ijaarsa waraanaa Afirkaanotaa lafa kaa’uuf kan bu’uura ta’uu danda’u odoo hin taane akka durduriitti waan hir’uu ta’etu mul’ata.Isaan asittis fincilli Aljeeriyaa,Liibiyaa,Ijipti,Suudan (Ripheloltummaan waggoota dheeraa booda lamatti kan baate) Itoophiyaa (Ertiraa wajjin lamatti kan baate,dhiyeenyattis Oromiyaan walaboomuun biyyootatti kan hiramuuf deemtu) fi kkf baay’een isaanii ripheloltummaa,waraana waliinii fi kkf keessa turuu isaanii malee sirna barreeffamaatiin isaa deeggaramu hin mul’atu.
Akka uummata Oromootti “QEERROO BILISUMMAA OROMOO REVOLUTION” sadarkaa Afirkaatti hawaasni guddaan kan bahee warraaqe, keessumaa 2014-2018titti kan ture,warraaksa uummataa isa guddaa fi lubbuu namoota baay’ee kan galaafate,Warraaksi butame kun Impaayera Itoophiyaa suphuu fi Ertiraa akkasumas Somaaliyaa fi Jibuutii dabalatee haala politikaa irratti dhiibba fi faayidaan inni gaanfa Afirkaatti fide homaa kitaaba (barroo) seenessa kanaan boriif irraa baratamu ta’ee dhiyaate hin qabu.Ani hooggansa Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessatti qooda mataa kootii bahee kanin jiruu fi harka mootummaa EPRDF/OPDO/TPLF jalatti hidhaa fi gidiraa hedduu jaallan hedduu wajjin keessummeesseera.Gara fuula duraatti hanqinaa Qeerroon uumee fi dogoggora haala sana keessatti uumamerraa qabsoon wareegama lubbuu qaalii itti kaffalle butamuurra darbee warri Qeerroo ololaa fi shiraan diiguutti milkaa’an karaa diyaspooraa fi biyya keessaa kallattii hundaan Qeerroo jijjiiramni gufachuu argee gara dirree falmaa seenuun qabsoo bilisummaa Oromoo hidhannoon utubuuf bosona seenan itti gaadi’uuf dhama’aa turan turtii waggoota afurii booda waajjira Fiildimaarshaal Biraanuu Juulaa oolanii qabsaa’aa fakkaatanii ogumaa fi tooftaa ittiin Qeerroo diiganiin WBO diiguuf sochii taasisan argeen gara mooraa qabsoo kootii duraatti deebi’uuf murteesse.Gara fuula duraattis barroo dhimma Qeerroo Bilisummaa Oromootiin wal qabatu nan barreessa.Yaadoti armaan olitti kaasaa jiru kun addumatti qabsoo wareegama guddaa goone kana dhalooti akka irraa baratuuf barreeffamaan waa kaa’uun keenya laafaa akka ta’ee akeekuuf ta’uusaa naaf hubadhaa jechaa gara ijoo barreeffama kanaattin deebi’a.
Akka barreeffamoota warra Lixaa (Western Countries) jedhanitti, Warraaksi jabana duraatti sirni Boorjuwaa (Bourgeoisie) fi qotisaan bulaa gidduutti kan adeemsifamu ture (Arendt 1963) akka jedhutti haleellaa bilisummaa fi faayyadamummaa dhabame deebisuuf taasifamudha jedha. De Tocqueville (1955; fuula 8) irratti akka jedhutti immoo “elite” iliitii karaa seeraan ijaarame jijjiirama hawaasaa, politikaa fi diinagdeetiif jecha aangoorraa fonqolchaan darbachuudha jedha.
Deustch (1964; fuula 102-104) irratti amaloota warraaksaa adda baasuuf jecha iddoolee afuritti hira/qooda.
Sadarkaa Guddina Warraaksaa
Hoopper (Hopper 1950 fuula 270-279) irratti Warraaksi sadarkaa guddina hawaasaa afur qaba jedha.
Isaanis:
Haaluma kanaan,jeequmsi garee bitaa fi mirgaa sosochii warraaksichaa gidduutti ni finiina.Raadikaalotni warra duraa irraa aangoo fudhatu.
Warraaksi bardhibbee 20ffaa kun warraaksa bardhibbee 19ffaa irraa karaa fi haala adda addaatiin tarkaanfataa fi si’ataa ta’uudhaan addatti ilaalcha politikaa irratti hundaa’uun biyyoota addunyaa hedduu kan waliin ga’ee fi biyyoota imaaperaa fi imayeraalistiin bulan diiguudhaan sooshaalizimiin boodas komunistiin kan ijaaree;dhumarrattis kaampii komunistoota addunyaa diige.
Warraaksi bardhibbee 20ffaa fedhinnaan (demands), kaayyoo fi ilaalcha hirmaattootaa irratti hundaa’uun akkaataa armaan gadiitti qorattootaan qoodama.
Kaayyoo fi xiyyeeffannaan isaa inni duraa cehumsa sirna politikaa taasisuudha.Warraaksi kunis (sub types) adda addaa qaba.Inni hangafaa 1a (Farra mootii gonfoo/anti-monarchic) yoo ta’u warraaksi kun warraaksa Portugaal fi Moonaakoo 1910tti adeemsifaman.Inni lammataa (1b) warraaksa farra abbaairree (haadha-irreeti) (anti dictatorial) yoo ta’u warraaksi kun Laatin Amerkaatti haalaan beekama.Haa ta’u malee fincilli warraaksaa sosochi barattootaa,ripheloltaa fi yaaliin fonqolchaa mootummaa Dargi irratti adeemsifame fakkeenya guddaadha.Warraaksa Kuubaa (1933-1934) abbaa irree “Machado dictatorship” fi Castro’s revolution Warraaksi Kaastiroo 1956-1959 bulchiinsa Baatisaa irratti adeemsifame fakkeenya gaarii akka ta’an qorannoon agarsiisu.
Jalqabatti warraaksi hawaasaa kun walqixxuumaan dhibuu,ramaddii bajataa,mirga hojjettootaa fi fayyadama lafaa irratti qabsaa’uu yeroo ta’u,wantoonni kunniinis karaa guddina dimokirasii,politikaa fi sirnaa meeshaa cehumsaa yoo isaan taasifatamedha.
Dambii itti bulmaata/doctirine/ kunistiin kan hooogganamudha.Birkiileen isaa soshaalistoota Afirkaa Dargi Itoophiyaa,Burkinaa Faassoo fi Beenin fakkeenyaan caqafamu.
Warraaksi kun mirga qabeenyaa dhuunfaa,gabaa bilisaa sabboonummaa sabummaa,aadaa fi afaanii keessumaa mootummaa Dargi irratti akka qabsa’amuuf sababa guddaa ture.Qorattootni sababa walxaxaa warraaksa bardhibbee 20ffaa kana warraaksichi warraaksa durii (classical revolution) irraa karaalee hedduu fi walxaxaa akka ta’e addeessu.
Maddi warraaksa kanaa biyyooti mootummaa dadhabaa /laafaa/ qaban mootummaa jabaa fi aango qabeessa ta’e uumuudhaaf akkasumas mootummaa ammayyummaa qabu tolchuudhaaf kantaasifamudha.
(6a) Warraaksa sabboonummaa: Warraaksi bardhibbee 20ffaa irra caalaan isaa baay’inaan kan sabboonummaa sabaa irratti xiyyeeffatanii fi sabboonummaa sabdaneessaa fudhachuu fi hojiitti hiikuu irratti adeemsifaman ture.
(6b) Warraaksa sabboonummaa bilisummaa:Warraaksi kun biyyooti hedduun kolonii jala turan walabummaa isaanii gonfachuuf kan adeemsisan ture.Warraaksa kana jalatti sabdaneessumaan jiraachuu kan danda’uu yoo ta’u,garuu addatti koloneeffatamuun duratti biyya turre yaada jedhurraa falmaa warraaksaa adeemsifamaa turedha.
Warraaksa sabboonummaa soshaalistii (national sochialist) warraaksa amantaa fi warraaksa gosoota adda addaa kanneen akka sabummaa eenyummaa fi ilaalcha politikaa caalatti sababoota adda addaan karaa hawaasa mataa isaaniin amansiiseen taasifaman bardhibbee 20ffaa keessa adeemsifamaniiru.
Walumaa galatti Warraaksi bardhibbee 21ffaa kana keessas kan itti fufee jiru yoo ta’u,barreeffama itti aanuun Warraaksa uummati Oromoo adeemsisaa turee fi itti jiru wajjin walitti qabnee kan ilaallu ta’e.