Waraanni pp manneen Ummataa gubee barbadeesse

Shawaa Lixaafi Gujii Lixaatti Waraanni mootummaa paartii Bilxiginnaa mana namoota 29 ibiddaan barbaadeese.

(SQ-Amajjii 16,2022)

Tibbana Kibbaa Oromiyaa Godina Gujii Lixaa Ona Galaanaa ganda Waaccuu Ilaalchaa jedhamutti Waraanni murna Bilxiginnaa maqaa WBO deeggertuu, hariiroo waliin qabdu jedhun manneen namoota 18 qabeenya isaan qaban waliin jala barbaadeessu maddeen SQ nuuf himan.

Gaafii tokko malee qe’een uummata manca’aa jira kan jedhan maddeen keenya, qabeenyi namnni yeroo dheeraaf walitti qabate ittin jiraacha tures barbaada’ee jira jechuun miiraa gaddaan dubbatu.

Haala kanaan namoonni manniif qabeenyi isaanii jala gubate.Gizaachoo Solomoon, Girmaa Edeemaa, Milkeessaa Girmaa, Abbiree Girmaa, Didaa  Goobana, Aragguu Mormaa, Gannoo Gammadee, Alamuu Odaa, Biraanuu Jaarsoo, Fiqiruu Dhakoo, Mijuu Lataa, Gammadee Shokaa, Mokonnon Wandimmuu, Dullachaa Qonyee,  Daani’eel Buxashuu, Kifilee Jaarsoo, Mokonnon Masfiin fi Abdafiree Banataa kanneen jedhaman yoo ta’an namoonni kunneen manniif qabeenyi isaanii jala gubachuun dirree irratti hafanii jiru jedhu maddeen SQ.

Oduma walfakkaatun Amajjii 12,2023 Godina Shawaa Lixaa Ona Amboo ganda Gomosaa Saaxootti Waraanni Bilxiginnaa manneen qonnan bultoota 11 ibiddaan barbaadeessun dhaga’ame. Kana malees midhaan uummata kuntaalaa 80 oliif qabeenya heddus saamaan jedhu.

Qotee bultooti  manni fi qabeenyi isaanii jala saamamee kunneenis;

Obbo Margaa Leellisaa Ilmaan obbo Margaa,  obbo Hayilee Margaa, obbo Fayisaa Margaa, obbo Qaabataa Margaa fi obbo Fayyeera Margaa kanneen jedhaman maatii tokko yoo ta’an akkasuma, obbo Baay’isaa Hurgeessa, Obboo Fayisaa Baay’isaa,Obboleessa isaa obbo Fayyeera Baay’isaa , Obboo Warquu Qaabataa kanneen jedhaman yoo ta’u namoota kanneen jala manniif qabeenyi isaan mana keessa qaban gubachuu cinatti qabeenyi isaan qaban kanneen akka horii lubbuu qabdu heddunis jala saamamuu SQ odeeffateera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *