Hanga haqni ba’utti araarri dhugaan jiraachuu hin danda’u jedhan Ministeeronni dhimma alaa Jarmanii fi Firaansi
(SQ-Amajjii 13,2023)
Ministiroonni Dhimma Alaa Jarmanii fi Firaansi Itoophiyaa keessatti hanga haqni argamutti nageenyi fi araarri amansiisaan argamuu hin danda’u jedhan.
Qondaaltonni biyyoota Awuroooppaa kunneen wayita Itoophiyaa daawwatanitti Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad waliin, adeemsa marii nageenyaa fi araaraa mootummaan federaalaa fi TPLF itti jiran irratti mari’ataniiru.
Akka ministiroonni kunneen jedhanitti, wayita qaamoleen walwaraanaa turan gara nageenyaatti ce’uuf adeemsarra jiran kanatti, malli ittiin dhiittaa mirga namoomaa fi yakka yeroo waraanaa raawwateef haqa barbaadan jiraachuu qaba.
Qondaaltonni kunneen gara fuulduraatti kutaalee Itoophiyaa yakkoonni hedduun keessatti raawwatamanii fi ittigaafatamummaa irratti gaaffiin ka’u daawwachuuf akka jiranisย ibsaniiru.