Biyya Abbaa Irree Malee Mootummaan Ummataa Hin Jirre Keessatti Ummanni Akka Baalaatti Harca’a!
Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo – ABO
Aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfatan afaan qawween tikfachuuf jecha, gochaan bineensummaa, tarkaanfiin suukaneessaan Biltsiginnaan ummata nagaa fi meesha maleeyyii irratti fudhatu abdii kutannaa, maal na dhibdee hojii bal’eessanii baduu ti.
Mootummaa ummataa ta’uu dhabuun, amanamummaa fi iftoomina ummataaf tahuu hanqachuun aangoo afaan qawween dhuunfatan afaan qawween dheereffachuuf jecha dhiiga ummataan qumaarri taphatamu daranuu mukukkula qabsoo taha malee, akeekaa fi kaayyoo ummanni qabsaawaafii turee fi jiru hin hanqisu.
Biyyi abbootiin irree mari’atanii bulchuu diduun maraatanii bulchan itti galli isaa dhumaatii ummattootaa, manca’iinsa qabeenyaa fi kufaatii biyyatti fida. Itoophiyaa mootummaa PPn bultu kanatu mudatee jira.
Gochaan bineensummaa fi tarkaanfiin suukaneessaan guyyaa kaleessaa Muddee 25, 2023 Lixa Oromiyaa Godina Hoorroo Guuduruu Wallaggaa Ona Guduruu bakka addaa Baroo jedhamutti waraanni Biltsiginnaa xiyyaara nam-maleessa (Diroonii ) fi meeshaalee gurguddaan ummata nagahaa, meesha maleeyyii qe’ee fi ooyruu isaa keessatti irratti fudhate, itti fufa ajjeechaa jumlaa mootummaan PP fudhataa jiruu ti.
Ummata nagahaa qe’ee isaatti, ooyruu isaa keessaa midhaan galfatu lola irraa jalaan itti banuun xiyyaaraa fi meeshaalee gurguddaa akka BM, Madfii, Zoo fi Falfaloon (Matireyyasii) rukutuun mootummaa PP abdi kutannaa gocha bal’eessanii baduu ti.
Guyyaa kaleessaa marsaa sadiif Ona Guduruu bakka adda addatti haleellaa xiyyaaraa fi meeshaa gurguddaan ummata irraan gahaniin horii manaa (loowwan) dabalatee ummata nagahaa hedduu ajjeesuu fi madeessuu ABOn mirkaneeffateera.
Ona Guduruu iddoo addaa Baroo jedhamutti kanneen ajjeefaman keessaan kan maqaan nu dhaqqabe namoota saddeet (8) fi kanneen madaahan hedduu tahuu adda baafanneerra. Kanneen ajjeefaman keessaa namoonni saddeet maqaan isaanii nu dhaqqabe:-
1) Obsaa Tarreessaa
2) Guddataa Fiixee
3) Taadduu Mangashaa
4) Bayyanaa Xiiqii
5) Daammanaa Likkiisaa
6) Habtaamuu Nigaatuu
7) Dhugaa fi
😎 Abiree kanneen jedhamanii dha.
Kanneen madaahan hedduu keessaa kan ammaaf maqaan nu dhaqqabe:-
1) Obbo Sintaayyoo Taakkalaa fi
2) Aadde Shittoo Immiruu keessatti argamu.
Tarkaanfii diinummaan ajjeechaa jumlaa waraanni itti gaafatamummaan itti hin dhagahamne, Muummicha Ministeeraa Dr.Abiyyii Ahmadiin hoogganamu ummata nagahaa, meesha-maleeyyii irratti fudhateef Addi Bilisummaa Oromoo –ABOn gadi jabeessee balaaleffata; duras dhaabbata.
Aangoo siyaasaa afaan qawween dhuunfatan afaan qawween tikfachuuf jecha murni Biltsiginnaa Dr.Abiyyi mataa itti ta’e, guutummaa goleelee Oromiyaa keessatti dhiiga ummataan qumaara taphachuunii fi gochaan diinummaa isaan ummata qulqulluu irratti raawatan gaafatama jalaa isaan hin baasu.
Mootummaan murna PP gochaa abbaa irrummaa fi diinummaa ummata qulqulluu irratti raawwataa jiruun, sarbamiinsa mirga namoomaa ummata Oromoo fi lammilee Oromiyaa irraan gahuu hojii guyya guyyaa godhateera. Akka kanaan, saamicha qabeenyaa, hidhaa fi ajjechaa jimlaa, qabeenya waliin manneen ummataa ibiddaan daaressuu dabalatee ilmaan haadha hiyyeesaa humnaan qabuun waraana hin feesifnetti oofuu hojii idilee godhatee jira.
Maayii irratti, ummanni Oromoo bal’aan, lammiileen Oromiyaa, sabaa fi sab-lammoonni, ummatoonni biyya kanaa sarbamiinsaa fi dhiittaa mirga dhala namaa daangaa dhabe, ajjechaa suukanneessaa lammiilee nagaa irratti mootummaan PP geessisaa jiru dura dhaabbatanii mormuu qabu jenna. Hawaasi Idil-addunyaa fi dhaabbileen mirga dhala namaatiif falman mootummaa Dr.Abiy Ahmadiin durfamu dhiigaa qulqullootaa dhangalaasaa aangoo afaan qawween tikfachuuf badiinsa ulfaataa dhaqqabsiisaa jiru, gocha isaa kana irraa akka dhaabbatuuf dhiibbaa akka irratti godhan ABOn irra deebi’ee yaamicha isaa haaromsa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Muddee 26, 2023
Finfinnee