Ibsa gammachuu Mootummaa Itoophiyaa dhimma lafa Oromiyaa #Moyyaalee kite Naannoo Somaaleef kenname ilaalchisee karaa Embaasii isaa Nairobi keniyaa jiruun Ibsa har’a amma deebisee haqee jira.
Yeroo dabre shira maqaa naannoo Soomalee ‘haaratti caasessuu’ jedhame san murtii hoggansa naannichaa qofaan osoo hin taane kallattii federaalaarraa MM #Abiy kaaye ta’uu miidiyaalee Hawaasaan gabaasamaa ture ummatni bahee mormaa turuun ni yaadatama.
Akka ragaattis dhimmicha hunda caalaa kana hafarsaa turan miidiyaalee federaalaa ta’uun immoo caalaatti dhugaa tahuu akeekaa turan.
Guyyaa har’aa Hagayya 19/2025 ammoo embasiin Itiyoophiyaa Naayrobii jiru diggisii guddaa qopheessuu ofumaaf gabaasee afarsaa turan!
Akeekni shira kanaa gosoota naannichaa jiddutti, akkasumas saboota ollaa ( Oromoofi Somaaleef Garrii ) waliin atakaaroo uumuun xiyyeeffannaa ummataa sirnicharraa dalga gara gosaafi saba ollaa akka garagaluu yaadameeti.
Ibsa gammachuu Mootummaa Itoophiyaa (Pp) karaa Embaasii isaa Nairobi keniyaa jiruun baase FB irratti maxxansanii turan amma deebisanii hatan illee dhugaa garu dhoksuu hin dandaayan .
namootni hedduunis Ibsa imbaasiin Itiyoophiyaa keeniyaa har’a baase arganii mormii guddaa dhageesisaa turan.
Ummatni keenya lafa isaa akka Lafee isaatti tiksachuu qabaan dhaamsa .