Mooraa Yuunvarsiitii Dambidoolloo keessa seenuun waraanni mootummaa barattoota ukkaamsuun fuudhee dhabamsiisaa jira jedhame.
Wiixata darbe jechuun muddee 11 bara 2023 barataa moorichaa muummee journaliziimi waggaa 2ffaa kan ta’e barataa Iyoob Faantaa waraana mootummaan ukkaamfamee fudhatamuun eessa akka geessan hin beekamne jedhu.
Hooggansa moorichaafi bakka buutota barattootaa irraas deebii dhabuun barattoonni moorichaa yaaddoo keessa jiraachuu himu.
Gochoonni mooricha keessatti raawwatamaa jiran sarbaminsa mirga namoomaa ulfaataa geessisaa jira jedhan.
Humnoota mootummaa kan riphee lolaa oromiyaa jedhamuun beekaman mooraa keessatti reebichaafi yaalii ajjeechaa barattoota irratti raawwatu jedhu barattoonni moorichaa.
Gochi barataa Iyyoob Faantaa irrattis raawwatame kanuma kan jedhan barattoonni, osoo poolisiin federaalaafi poolisoonni moorichaa ilaalanii mooraa keessaa humnaan butuun konkolaataa waraanaa 3F jedhamtuun fuudhan deeman jedhu hiriyyoonnisaa mooricha jiran.
Gochi kun barattoota moorichaa mufachiisee jira.
Barattoonni moorichaa nagaan jiraannee barachuuf wabii dhabaa jirra jedhu.
Akka seera ittiin bulmaata mooraa yuunvarsiitiitti qaamni barataa kana ukkaamse nageenya barattoota hafaniifis ta’e barataa ukkaamfame kanaaf deebii akka nuuf kennu barbaanna jedhaniiru.
https://t.me/hordofaa